Wal Waraansi Ethiopia Keessa Walabummaa Mediatiif Danqaa hamaa ta’uun himame
ONM-ABO Caamsaa 21,2022
The Economist.Com ibsa isaa caamsa 19,2022 baaseen mootummaan Gaazexeessitoota isa qeeqan hidhaa fi dararaa hamaa irraan gahaa jiraachu saaxile.
Aga gabaasa Associated Press Amir Aman waggaa darbe miseensota waraana Bilisummaa Oromoo waliin gaaffii fi deebi waan godheef mootummaan subqunnamtiile isaatiin ‘shororkeessa jajjabeessan’ jechuun holola erga irratti oofanii guyyoota 125f himatamee hidhamee turuu hima gabaasni kun.
Dhufaati Abiyin wal qabatee Walabummaa Sabqunnamtii fooyyessuuf Websaayit fi TV dhibbaan lakkaa’aman uggura jalaa baasuun abdii gaarii uumamee turuu kaasuun waggaa darbe kana keessa garuu haalli kun jijjiiramuun Egypt fi Eritriyaatti aanuun Afrikaa irraa gaazexeessitoota hidhuun sadarkaa sadaffaa qabatteeti.
Wal waraansi Ethiopia keessatti erga eegalee haga ammaatti yoo xiqqaate gaazexeessitoota 44 kan hidhaman yoo ta’u gazexeessitoonni biyya keessa hedduun doorsifamaa fi kanneen biyya alaas ari’atamuu gabaasa isaa kanaan the Economics mootummaa Ethiopia qeeqeera.
