Godina Baalee lixaa onoota garaagaraa keessatti dararaan waraanni murna PP uummata nagaa irratti raawwatu hammaate.
( ONM-ABO Caamsaa 29,2022 )
Mootummaan sirna PP humna waraanaa bobbaasuun hawaasa bulchu dararaa aangoo siyaasa isaa dheereffachuuf hojii dursaa godhatee hojjechaa jiru godina Baalee lixaa onoota tokko keessatti hawaasa hiraarsaa jiraachuu jiraattootni komatan.
Akka odeessi godina Baalee lixaa keessaa ba’aa jiru ifoomsutti magaalaa Baalee Roobee keessatti uummatni nagaan ba’ee galuu dadhabuun waan keessaa quba hin qabnetti isintu waraana bilisummaa Oromoo godina Baalee lixaa keessatti qubachiisaa jira, maallaqaa fi meeshaalee waraanaa dhiheessaafii jirtu jechuun sobaan yakkanii namoota hedduu hidhaa fi qabeenya jalaa saamaa jiru.
Gocha maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo keessan keessa qubachiisaa jirtuun namoota nagaa yakkuu itti fufuun godinuma kana keessa magaalaa Gobbaa fi naannoo isheettis abbootii qabeenyaa fi sabboontoota Oromoo adamsanii hidhaniiru.
Ona Diinshoo gandoota baadiyaa cufa irraa namoota kanaan dura dhimma Oromummaa irratti ejjennoo hin daddaaqamne qabanii fi Oromummaan yakkamanii hidhamaa turan maqaa WBO itti maxxansuun jireenya dhuunfaa isaanii irraa qabanii mana hidhaatti kan dararaa jiran yoo ta’u qabeenya isaan horatanis saamaa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Haala rakkisa keessa kan jiran jiraattootni godina Baalee yeroo ammaa, sirna uummata Oromoo waraana marartoo tokko hin qabne itti bobbaasuun miidhaa ulfaataa irraan ga’aa jiru kana tokkummaan ofirraa fonqolchuun furmaata jechuun yaada isaanii dhaammataniiru.
