• Mon. Jan 12th, 2026

Waraanni sirna faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromo qe’ee abbaa isaanii irratti badii tokko malee ajjeesuu itti fufuun

May 29, 2022

( ONM-ABO Caamsaa 29,2022 )

Waraanni sirna faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromo qe’ee abbaa isaanii irratti badii tokko malee ajjeesuu itti fufuun kaleessa Caamsaa 27,2022 godina Arsii lixaa ona Heeban Arsii ganda Dagaagaa keessatti nama maqaan isaan Fayyoo Gammadaa jedhamu maatii cufa qabanii erga deemaniin booda toora sa’a 12:00 irratti ajjeesanii gatan.

Onuma Heeban Arsii ganda Dagaagaa kana keessatti ajjeechaa raawwataniin alatti manneen namoota 14 qabeenya waliin gubanii barbadeessanii jiru.

Namoota manneen jalaa gubate kan maqaa arganne Gammadaa Tuqee, Kadir Lolii, Amaan Tukee ,Kaliil Gammadaa, Fayyoo Gammadaa kan ajjeefame , Adam Hajii ,Saajin Gammadaa, Muzeyyiin Gammadaa fi kanneen maqaan isaanii nu hin ga’in jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Manneen gubatan kana keessa qabeenya guutuu, jabbiilee, hoolaa fi re’eewwan akka jiran himuun gocha badii kana waraanni mootummaa maafi’aa kun namoota nagaa homaatuu keessaa quba hin qabne hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi isintu qallaba jechuun akka tarkaanfii kana fudhate eeraniiru.

Kana malees manneen gubatan kana keessa kan maatii qabsaa’otaa keessatti argama.

Kaleessaa sa’a 10:20 irraa hanga sa’a 12:00tti mana maatii qabsaa’ota aanaa Heeban Arsii keessaa jiran mana matii ajajaa waranaa bilisummaa Oromoo zoonii Kibbaa bahaa Oromiyaa mana maatii Jaal Sabaa’if Galgoo dabaltee mana maatii qabsaa’ota afurii gubanii jiru.

Manni matii jaal Sabaa’if Galgoo mana jireenyaa obbo Galgoo Badachaa qorqoroo 3, abbaa qolaa 58 fi mana citaa 1 meeshalee mana keessaa guutuu waliin gubuuniiru.

Mana maatii qabsaawaa jaal Finiinsaa Qabsoo ( Qasiim Gammadaa ) mana obbo Gammadaa Tukee walumaagala qorqorroo qolaa 2 kan abbaa qolaa 42 2 fi fi mana citaa 2 meeshalee guutuu waan tokkoo osoo hin baafatiin guban.

Ittumaa fufuun mana maatii qabsaawaa jaal Gurmeessaa Saba ( Bilisaa Kadir) mana qorqoroo 1 mana citaa 1 meeshaa muraasaa ergaa baasanii muraasaa waliin gubanii jiru.

Kan hafes guyyaa har’aa kana jechuun Caamsaa 28,2022tti dachaan gubna jechuun dhadachaa galaniiru.

Maatiin manni jalaa gubate maatiin qabsaawotaa Kun yeroo dhearaadhaaf mana hidhaa kan turanii fi ammaas manumaa hidhaatti deebifamuun ajjeechaaf doorsifamaa akka jiran odeessi achi ba’e ni addeessa.

Ajjeechaa fi tarkaanfii mana gubuu fudhataniin alatti maatii manneen jalaa gubatee cufa walitti qabuun konkolaataatti fe’anii waajjira poolisii onichaatti hidhan.

Murni maafi’aa PP kun faayidaa siyaasaa isaaf jecha alagaaf ulaagaa isaan barbaadan guutee itti araaramuu kan barbaadu yoo ta’u saba keessaan ba’e jedhee himatu garuu guyya guyyaan adabbii lubbuu, hidhaa fi qabeenya barbadeessuu fudhachaa jiraachuu waanti Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru ragaa dha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading