• Sat. Oct 3rd, 2026

Godina Harargee lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaatti humnaan qeerroo leenjii waraanaatti oofaa jiraachuun dhagaa’ame

May 30, 2022

Godina Harargee lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaatti humnaan qeerroo leenjii waraanaatti oofaa jiraachuun dhagaa’ame.

( ONM-ABO Caamsaa 30,2022 )

Caamsaa 26,2022 irraa jalqabee hanga ammaatti godina Harargee lixaa ona gubbaa Qorichaatti kaabinootaa fi poolisootni Oromiyaa sirna PP tiksaa jiran dargaggoota Oromoo gara mooraa leenjii waraana raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhutti erguuf fedhii isaanii malee gandaa keessaa deemanii maqaa galmeessaa jiraachuu jiraattootni maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru .

Sirni PP kasaaraan diinagdee fi waraanaa irra ga’ee, qarree kufaatii irra dhaqabee jiru kun , yeroo gabaabduutti shanee fi juuntaa balleessina jechuun lola keessaa hin baanee keessa seenee , ilmaan haadha hiyyeessaa fi hidhamtoota siyaasaa jechuun hidhaa turee dhoksaan baasuun guuree dirree lolaatti naquun lubbuu isaanii qoraan ibiddaa taasisuun ficcisiisaa ture.

Ammas lubbuu ilmaan Oromoon abidda qabachuuf bifa haaraan ilmaan Oromoo leenjiif walitti qabaa waan jiraniif qeerroowwan Oromoo naannoo jirtanitti dammaqiinsaan akka of eeggattan sabboontootni ilmaan Oromoo ona Gubbaa Qorichaa dhaamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading