• Thu. Sep 10th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Amboo Ganda Haaruu Xirootti eegdonni fi dabballoonni PP manneen qotee bulaa Oromoo 2 yoo guban manneen biroo 37 irratti saamicha geggeessan

May 30, 2022

Lixa Shaggar Aanaa Amboo Ganda Haaruu Xirootti eegdonni fi dabballoonni PP manneen qotee bulaa Oromoo 2 yoo guban manneen biroo 37 irratti saamicha geggeessan.

( ONM-ABO Caamsaa 30,2022 )

Eegdonnii fi dabballootni sirna faashistii Abiy Ahimed tiksuuf bobbaate uummata dararaa jirti.

Torbanoota darbaniif lixa Shaggar Aanaa Amboo ganda Haaruu Xiroo mana barumsaa Haaruu Xiroo sadarkaa 1ffaa qubatanii jiru.

Bakka qubatan kanaa yeroo yerootti bahuun uummata nagaa dararaa, qabeenya saamaa fi abiddaan barbadeessaa jiru.
Caamsaa 26,2022 ganda Haaruu Xiroo bakka addaa Mi’eessootti yaa’uun mana obbo Guuttataa Araarsaa yoo guban bakka addaa Dagaa jedhamu mana obbo Taaddasaa Dagabaasaa gubaniiru.

Mana gubate kana lamaan keessa qabeenyi baafame kan hin jirree fi midhaan dabalatee qabeenyi mana keessa walumaan kan barbadaa’e yoo ta’u mana obboo Taaddasaatii maatii 12, mana obboo Guuttataatii maatiin 8 mana malee hafuu isaani jiraataa ganda Haaruu XirootiiArraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himeera.

Kana malees bakka addaa Mi’eessoo fi Dagaatii mana qotee bulaa oromoo 37 ol cabsanii kan saaman yoo ta’u hoolotaa fi loon dabalatee horii 13 ooffatanii deemuu isaanii maddi keenya dabaluun ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading