Godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii keessatti hojjettuu waajjira aadaa fi Tuuriizimii haadha daa’ima waggaa 2 hin guutne tokko hidhanii dararaa jiru.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Murni faashistii PP marartoo tokko uummata Oromoof hin qabne daa’immanii fi dubartoota aadaa Oromoo keessatti kabajaa qaban badii tokko malee kabajaa irraa mulquun qabee hidhuun dararaa jira.
Godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii ganda 01 irraa hojjettuu aadaa fi Tuuriizimii ona Anfilloo kan taate aadde Sawunnat Ayyaanoo nama jedhamtu badii tokko malee daa’ima waggaa 2 hin guutne waliin torbee lamaan dura erga qabanii hidhanii hanga yoonaatti osoo gad hin dhiisin jiraachuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Haati daa’ima harma hin guune waliin hidhamtee jirtu kun ofiifis ta’e daa’ima isheef dhukkubsattee yaala dhorkamtee jiraachuun maddeen himuun impaayeerattii keessatti Oromoo ta’uu qofti yakkamaa nama taasisee hidhaa murtii hin qabneef nama saaxilaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
