Godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti Waraannii Mootummaa PP Namoota jumlaan hidhuu hammeessaan.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Akka jiraataa magaalaa Gimbii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko jedhetti gaafa Caamsaa 26,2022 waanta isaan keessaa quba hin qabneen namoota 14 magaala Gimbii ganda 03 bakka addaa laga Gabaa jedhamuu keessaa isin WBO waliin walitti dhufeenya qabdu jechuun guuranii mana hidhaatti naqanii hidhaan hiraarsaa jiru jedhan.
Itti dabaluun jiraataan kun akka jedhutti uummanni Oromoo magaalicha keessa jiraatu nagaan ba’e galuun ulfaataadha, yaaddoo nageenyaan baayyees raafamaa jirra jechuun magaaluma Gimbii ganda 03 bakka addaa laga Gabaa jedhamu kanaa keessaa kan Umuriin isaanii hidhaaf hin iyyamne illee daa’ima, nama guddaadha oso hin jedhiin daa’imman ganna 8tii hanga maanguddoota Waggaa 87tti guuruun buufata poolisii magaalaa Gimbii keessatti argamuutti naqanii gidirsaa jiru jechuun yaada isaanii ibsaniiru.
Ittuma dabaluun hallii Mana hidhaa magaalaa Gimbii keessa jiru baay’ee yaaddessaa ta’u dubbachuun lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti manni hidhaa wal hanqachuu irraan Magaallicharraa kan baay’ee hin fagaanne tilmaamaan km5 Kan hin caalle bakka Dhagaa Dhaabbii jedhamutti Daannoo ijaaruun dhoksaatti namoota hedduu achitti hidhaa jiru.
Namootni aanaaraa yoo dhufanis achitti hidhuun hiraarsanii Kan ajjeesuu barbaadaniinis bakkichi mijaataafii waan ta’ef namoota hedduu yakka tokko malee ajjeesuun maatiin osoo argee hin awwaallatiin iji isaanii kan qara ilaalaa hafe hedduu dha.
Mootummaan badii Impaayera Itoophiyaa duula ilmaan Oromoo balleessuu irratti xiyyeeffate, waraana isaa naasuu tokko uummata Oromoof hin qabne itti bobbaasuun nagaa uummatichaa jeequunii fi ajjeechaan naasisaa ooluun qabsoo uummatichaa laamsheessuuf haa karoorfatan malee akeeka isaanii galmaan ga’uu akka hin dandeenyee fi qabsoon uummata Oromoo sirna kana hundeen buqqisuu akka danda’u kan dubbatan jiraattoota magaalaa magaalaa Gimbii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseee dha.
