• Sat. May 2nd, 2026

Kaabinootni fi waraanni sirna PP godina Booranaa maqaa sakkattaan imaltoota irratti saamichaaf dararaa geessisaa jiraachuun dhagaa’ame

May 31, 2022

Kaabinootni fi waraanni sirna PP godina Booranaa maqaa sakkattaan imaltoota irratti saamichaaf dararaa geessisaa jiraachuun dhagaa’ame.

( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )

Kabinootaa fi tiksitoonni impaayeera Itoophiyaa karaa hundaa uummata Oromoo saamuu fi hiraarsuu aadeefattan maqaa sakkattaatin godina Booranaa aanaa Dirree seensa magaalaa Meeggaa fi Madhachoo gara Sooddaatti goru Gubbaatti Keellaa lama banuun konkolaachiftoota dhaabsisanii reebichaa fi saamicha hamaa geggeessaa jiru kan jedhan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Dirree ti.

Maddeen kun itti dabaluun saamicha qofaa geggeessaa akka hin jirre eeruun kan dura illee ilmaan Oromoo konkolaataa keessa jiran konkolaataa dhaabsisanii buusuun Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaattu isin WBO dha jechuun akka hidhaa turan yaadachiisun, yeroo ammoo bifa jijjiirrachuun aanaa Dirree keessatti keellaan lama taa’uun waan ta’e jedhamee akka uummanni Oromoo daldaalatee hin jiraanneef , namoota bakkaa bakkaatti socho’ee ilmaan isaanii bulfatu qabeenya inni argatu irraa saamuun harkaa qullaatti hambisuufii dha.

Kana malees maqaa warraaqaa eenyummaa fi fuula nama shakkisiisaan jedhuun achii keessaa qabanii nama hidhuuf akka tolfatan himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading