• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo ona Baatee keessatti murna PP uummata walitti buusuun wal ajjeesisaa jiraachuun dhagaa’ame

Jun 1, 2022

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo ona Baatee keessatti murna PP uummata walitti buusuun wal ajjeesisaa jiraachuun dhagaa’ame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 1,2022 )

Murni maafi’aa PP godina Walloo onoota garaagaraa keessatti walitti bu’iinsa uummata dhalchuun wal miisisuuf karoora baafatanii hojjechaa jiran ona Baateetti qabatamaan agarsiisaa jiru.

Haala kanaanis aanaa Baateetti itti gaafatamaa waajjira nageenyaa murna PP kan ture Mohammad Abduu nama jedhamu qabeenya namaa saamuu fi saamsisuun himatamee mana hidhaa keessa erga tureen booda mana hidhaa keessaa baasuudhaan nama yakkii irratti dalagamaa fi qabeenyi isaa jalaa saamamaa tureen akka ajjeeffamu godhan.

Sana booda poolisiin nama Mahaammad Abduu jedhama sana ajjeese osoo harkaa inni harka kennatuu rasaasa itti roobsuun ajjeessan.

Ona Baatee keessatti ajjeechaa akka fedhetti raawwatamuun cinaatti guyyaa sadan darban keessatti qofa namoota nagaa tuttuqaa siyaasaa kam irraa iyyuu bilisa ta’an 50 ol hidhanii jiru.

Haala amma jiruun caasaan murna PPs ta’e waraanni isaa nageenya uummata tiksuu irra walitti bu’iinsa biroo dhalchanii saamicha diinagdee irratti qofa dalagaa waan jiraniif uummatni akka murni PP dadhabe beekee ofii fi naannoo isaa cimsee eeggachuu qaba kan jedhan jiraattoota godina Walloo ona Baatee ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading