• Sat. Sep 12th, 2026

Godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti waraanni murna faashistii PP nama tokko ajjeesuun lama madeessan

Jun 4, 2022

Godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti waraanni murna faashistii PP nama tokko ajjeesuun lama madeessan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )

Waraanni murni faashistii PP haadholii Oromoo kan bara Goolii Diimaa caaluun boossisuu hojii godhate, gocha farrummaa isaa itti fufuun kibba baha Oromiyaa godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti maatii tokko keessaa nama tokko ajjeesuun 2 madeessanii jiru.

Akka odeessi bulee nu qaqqabe jedhutti torbee darbe keessa godina Arsii lixaa aanaa Shaashamannee ganda Xaaxessaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Dannaboo Fallaqaa jedhamu humni addaa Oromiyaa ofiin jedhan isaa qe’ee jiru marsanii qabuuf yeroo jedhanitti wal dhabdee uumamee ture.

Sana booda haati Dannaboo mucaan koo na jalaa du’uu irra jechuun harka qabdee itti laatte.

Ergamtootni Abiy Ahimedis erga dhuunfataniin booda mana yaalaa geessina jedhanii fuudhanii deemuun ajjeesanii huccuu irraa mulqanii qullaa isaa haadhaa isaaf reeffa deebisan.

Ajjeechaa Dannaboo Fallaqaa irratti raawwatan malee oboleessa isaa kan ta’e Kilaashii Fallaqaatii fi Aadam Badhaanee Tiibbeessoo rasaasaan rukuchuun madeessanii hospitaalatti yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading