Waraanni faashistii PP bahaa Harargee magaalaa Awwadaay keessatti uummata nagaa reebuu cimsan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )
Murni maafian PP sodaa fi dhiphina guddaa keessa galuun baha Oromiyaa, godina baha Harargee magaalaa Awwadaay keessatti ergamtoota isaa barcuma siyaasaa uummata nagayaatti bobbaasuun reebicha irratti gaggeessuun uummata ba’aa fi gala dhorkatanii jiru.
Akka odeessi maddeen keenya irraa nu qaqqabe addeessuutti magaalaa Awwadaay keessatti kaleessa waxabajjii 2/2022 galgala toora sa’a 3:00 irraa jalqabuun uummata nagayaan hojii ofii hojjatachaa jiru irratti boombii aaraa itti darbatanii uummata shorarkeessuun ,magaalaa guutuu keessatti geejjibni tokkollee akka hin sochoone taasisanii turan.
Kana malees ,namoota baay’ee daandii gubbaa irraa qabuun reebicha ulfaataa irratti geggeessaa gara mana hidhaatti guuranii jiraachuun barameera.
Murni uummatni Oromoo adeemsa siyaasaa fi bulchiinsa isaa jibbee akka aangoo gadhiisu fedhu kun fedhii hawaasichaa guutuu irra aangoo siyaasaa irra humna qawween bubbuluuf bakka socho’an cufatti yoo hin ajjeesin saamuu, yoo hin saamne reebuu fi godaansisuu yookiin ammoo cufa iyyuu bakka tokkootti uummata nagaa irratti raawwachuu tooftaa waraanaa taasifatee hojjechaa jira.
