Godina Booranaa ona Miyoo magaalaa Hiddii Lolaatti qeerroo tokko waraanni gabroomfataa PP reebuun miidhaa jabaaf saaxiluun dhagahame.
( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )
Waxabajjii 1,2022 godina Booranaa ona Miyoo magaalaa Hiddii Lolaatti poolisoonni humna addaa Oromiyaa qeerroo Abbumaa Dirribaa osoo inni mana nyaataa keessa taa’ee nyaata nyaatuu , miseensi poolisiii humna addaa Oromiyaa tokko namoota mana nyaataa kana keessaa taa’anii nyaata nyaachaa jiraniin wal lollaan, inni iddoo jeequmsi itti ka’e mana nyaataa sana keessa gadi dhiisee deemuuf jennaan miseensonnii poolisii hafan eessa deemta jechuun dhaaban.
Nama dhaabsisan kanaan namoota iyyuu situ nutti naqee, akka wal lollu taasise jechuun qabanii gara mooraa isaanii geessuuf jennaan ,innis maaliifan deema? Badii kiyyaa maalii ? kan isin mooraa keessan na geessitan? Jechuun waliin deemuu dide.
Poolisoonni kunneen itti aaruun akka bofaatti uleen dhaananii ergaa mataa buruqsaanii miidha jabaa irraan ga’aaniin booda humna dabalataa yaammattanii qabanii deemuun dhiigni isaa otoo irra lola’uu yaala malee mana hidhaatti geessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Badii tokkoo malee reebicha sukkanneessa qeerroo Oromoo Abbumaa Dirribaa irratti raawwate kan balaaleffatan jiraattootni ona Miyoo, armaan duras waraanni Humna Addaa Oromiyaa kun qeerroo Darajjee Biraanuu mooraa isaaniitti geessuun dhoksanii ajjeessanii akka aawwalanii turan.
Kana malees bulchiinsi aanaatii fi kabinoonni aanichaa badii tokko malee fuula hawaasaa duraatti qeerroo Galgaloo Waaqoo rasaasaa itti roobsuun waan ijjeesanii turaniif qeerroo kanas miidhaa irraan ga’uu danda’u jechuun hawaasni magaalaa Hiddii Lolaa yaaddoo qaban ibsataniiru.
