• Fri. Sep 11th, 2026

Lixa Shaggar ona Miidaaqany keessatti waraanni weerartuu PP nama nagaa tokko ajjeesan

Jun 4, 2022

Lixa Shaggar ona Miidaaqany keessatti waraanni weerartuu PP nama nagaa tokko ajjeesan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )

Qe’ee Oromoo keessatti du’a dhaga’uun waanta haaraa kan hin taanee fi guyyuma guyyuun ajjeechaan dhagaa’maa oolu itti fufuun godina lixa Shaggar ona Miidaaqany keessatti nama nagaa homaatuu keessa quba hin qabne ajjeesan.

Torbee darbe Caamsaa 27,2022 ona Miidaaqany keessatti waraanni faashiistii PP dhiiga ilmaan Oromoo akka bineensaatti dhangalaasaa deeman ilma Oromoo abbaa daa’ima tokkoo obbo Alamuu Mulunaa jedhamu mana jireenyaa isaa qabuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Murni faashistii PP kun godina lixa Shaggar onoota garaagaraa keessatti ajjeechaa, saamichaa fi manneen qonnaan bultoota gubaa akka jiru jiraattoonni maddeenitti himuun sirna uummata Oromoo irratti akkasitti miidhaa geessisaa jiru kana hundeen buqqisuu malee kabeebsiin suphuun faayidaa tasuma hin qabu jechuun dubbataniiru.

Mootummaan Shiftaa Sirna PP Dhiiga Oromoo dhangalaasuu hojii idilee isaa godhate Godina Shawaa Lixaa Aanaa Miidaa Qanyii keessatti Jimaata darbe jechuun Caamsaa 13, 2022 Abbaa Daa’ima tokkoo kan ta’e Alamuu Mulunaa kan jedhamu manaa fuudhuun ajjeesanii bosonatti gatuu maddeen keenya ifoomsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading