• Sat. Mar 14th, 2026

Gootichi WBO zoonii kibbaa godina Gujii bahaa keessatti kaleessaa waraana weerartuu PP irratti injifannoo galmeessee beeksise

Jun 4, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa godina Gujii bahaa keessatti kaleessaa waraana weerartuu PP irratti injifannoo galmeessee beeksise!

( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Gootichi ija barbadaa WBOn warreen diina ilmaan Oromoo haxaa’ee balleessuuf halkanii fi guyyaa hojjetan, ulee adabbii isaaniin waraana hawwitoota sirna dulloomaa Minilik irratti fudhachuu itti fufuun kaleessa Waxaabajjii 3,2022 ganamaan kibba Oromiyaa godina Gujii bahaa keessatti tarkaanfii laalessaa fudhatee jira.

Haaluma kanaan aanaa Sabbaa Boruu irra WBO sakatta’uuf aanaa Waadaraa ganda Sokora Garbiitti wal guuranii kan dhufan waraana PP dhukkee nyaachisuun battalatti loltoota 6 irra ajjeesuun ari’ee ofi duuba deebiseera.

Yeruma sanatti aanaa Waadaraa magaalaa aanichaa kallattii lamaan seenuun diina uummata nagaa bittaa fi gurgurta dhorke haleeluun battalatti 10 irraa ajjeesuun 8 ol madoon adabee jira.

Ganamuma sana yeroo wal fakkaataatti aanaa Adoolaa Reeddee ganda Zambaabaatti diina daandii irra socho’e uummata nagaa doorsisu irratti tarkaanfi fudhateen 6 battalatti dhabama taasisuun gariin madeessee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading