Murni faashistii PP godina baha Harargee bulchinsaa magaalaa Haramaayaa keessatti uummata dararuu hammeessan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )
Gareen saamichaa fi uummata Oromoo irratti miidhaa geessisuuf wal ijaare kun godina baha Harargee bulchiinsa magaalaa Haramaayaa ganda 03 keessatti Waxaabajjii 2,2022 halkaan keessa sa’a 3:00 akka lakkofsa impaayeera Itoophiyaatti irratti waraanni murna PP namni tokko manaa gad hin ba’iina hulaa cufadhaa jechuun uummata gidirsaa bulan.
Ganda 03 dabalatee gabdoota magaalattii biroo keessatti uummata nagaa karaa irra deemu shororkeessuun nama tirika qabsiifatee deemuu fi uffata qorraa uffatee deemu to’achuun reebaa fi gaaffilee itti hedduummeessuun gara mana hidhaatti darbaa turan.
Balbala namoota tokko tokkoo irra deemanii uummata akka doorsisaa jiran kan himan maddeen adeemsa isaan itti jiraniin uummatni sodaa hamtuu keessa galuu dabaluun addeessaniru.
