• Tue. Nov 24th, 2026

Godina lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnitti Waraanni badii mootummaa PP mana barumsaa keessaa ijoollee barachaa jiran ari’uun daannoo isaanii godhatan

Jun 4, 2022

Godina lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnitti Waraanni badii mootummaa PP mana barumsaa keessaa ijoollee barachaa jiran ari’uun daannoo isaanii godhatan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Mootummaan koloneeffattuu Abiy Ahimed waraana dhala namaaf hin gaddinee bobbaasuun gocha ammeenyaa uummata Oromoo irratti guyyaa guyyaan raawwachuun nagaa uummataa booressaa oola.

Kan barbaadanis ni ajjeesuu qabeenya arganis ni saamu akkasumas manneen namootaa ni gubu.

Gocha isaa badii kana ittuma fufuun waraanni mataa nafxanyoota Abiy Ahimediin bobboofaman akka ilmaan Oromoo hin baranne godina lixa Shaggar Aanaa Dirree Hincinnii ganda Bolaa Roggee keessatti Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa (1_8) Bolaa Roggeetti seenuun mana barumsichaa cufsiisuun daannoo godhatanii da’immaan egeree biyyaa ta’an akka hin barannee taasisanii jiru.

Barattoonni haala kanaan erga mana barumsaa dhaabanii baatii lama ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Ittuma dabaluun jiraattoonni aanaa Dirree Hincinnii akka jedhanitti mana barumsaa Bolaa Roggee keessatti Kan ijoollee keenya barnoota dhabsiisanii jiran irratti bakka qabeenya keenya saamanii kuufatan ta’es jedhan.

Kana malees ganda Bolaa Roggee kana keessatti manneen qonnaan bultoota Oromoo hedduu gubanii barbadeessuun rakkoo hamtuuf saaxilanii jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply