• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni murna faashistii PP godina lixa Shaggar ona Meettaa Roobii keessatti ilmaan Oromoo lama ajjeesan

Jun 4, 2022

Waraanni murna faashistii PP godina lixa Shaggar ona Meettaa Roobii keessatti ilmaan Oromoo lama ajjeesan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Waraanni aangoo Abiy Ahimed tiksuuf lubbuu ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasaa jiru Waxaabajjii 2,2022 godina lixa Shaggar ona Meettaa Roobii magaalaa Shinoo keessatti illmaan Oromoo lama badii tokko malee rasaasaan rukutuun ajjeesan.

Waraanni faashistii kun ajjeechaa isaanii itti fufuun kaleessa Waxaabajjii 3/2022 ganama bariin kaa’anii ijoollee ol adeemtuu daa’ima waggaa 15 gadii ajjeesanii gatan.

Kana malees guyyuma kaleessaa toora sa’a 3:10tti magaalaa keessa olii fi gadi fiiguun dhukaasaa turuu fi reebicha hamaa irraan ga’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Oromiyaa keessatti murni ilmaan ajjeesuun fedhii ilmaan Minilik galmaan ga’uu barbaadan kun guyyaatti ilmaan Oromoo osoo hin ajjeesin akka hin oollee fi duguuggaan sanyii murna faashistii PP kanaan raawwachaa jiru addunyaa jalaa dhokatee raawwachaa kan jiruu fi sagalee ta’uufii akka barbaadu ni himama.

Leave a Reply