• Tue. Nov 24th, 2026

Aanaa Gidaamii fi Anfilloo keessatti maqaa sakatta’insa WBO jedhuun uummata doorsiisuun hammaate

Jun 6, 2022

Godina Qellem Wallagga Aanaa Gidaamii fi Anfilloo keessatti maqaa sakatta’insa WBO jedhuun uummata doorsiisuun hammaate.

( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )

Gareen maafiyaa impaayeera Itoophiyaa lolaan waraana Bilisummaa Oroomo dadhabee, uummata Oromoo waraana isaa i WBO irratti duulchisuun walitti buusuu akka tooftaa siyaasaatti qabatee socho’a kan jiru Waxabajjii 3,2022 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii magaalaa Gidaamii keessatti uummata dirqiin walitti qabuun namni kamuu Duula sakattaa WBOf akka of qopheessuu akeekkachisan.

Duula kanaafis Dabballoota onichaaf gandoota hiruun uummatni waan nyaatu galaa kanneen akka Daakuu , Akaayii fi teendaa ( waan jala bulamu) kan guyyaa shaniif isa ga’u akka qopheeffatan irra deddeebiin dubbachuun uummatatti dhaadachaa oolaniiru.

Oduma wal fakkaatuun waraanni murna faashistii PP dabballoota sirnichaa waliin ta’uun godina Qellam Wallagaa ona Anfilloo keessatti kaleessa Waxaabajjii 5,2022 irraa eegaluun jiraattoota magaalaa Muggii fi ganda Dollaa garee misoomaa jechuun nama ja’a ja’a erga dheengadda Waxaabajjii 4,2022 waltajjii waamuun keessaa filataniin booda waan nyaatan mijeeffachuun gara ganda Dollaa qaxxamuruun magaalaa Shebel seenuuf haa karoorfatan malee sodaa Waraana Bilisummaa Oromoo irraa godhataniin mana barumsaa Dollaa keessa bulan.

Magaalaa Muggii irraa KM shan kan hin caalle deemuun ganda Dollaa yeroo ga’anitti bulchaan aanaa Anfilloo ammoo uummata magaalaa Muggiitti hafe osoo dhukaasni tokko hin dhagaa’amin duula har’aa eegalleen hanga ammaatti miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo afur ajjeesne jechuun yeroo kijibuu yaalutti uummatni maal inni waan isaa si’ana meeshaa sagalee hin qabne galfate moo kijiba kana hin dadhabanii PPn kun jechuun itti kolfaa galuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa ibsaniiru.

Murni maqaa Oromoo ofitti maxxansuun sirna balfama Atse’oota gadi jabeessuun teessuma aangoo Abiy Ahimed tiksan dabballoonni fi waraanni PP yaada kana irratti Wal dhabuun hanga gabaasni kun qindaa’etti ona Gidaamiitti guyyaan isaa hin ifoomin kan jiru yoo ta’u Anfillootti kaabinoota ishee sochii waraana bilisummaa Oromoo naannichaa sodaatan aangoo irraa buusuun kan biroo bakka dhibii fiduun duula kan geggeessisaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Leave a Reply