• Tue. Nov 24th, 2026

Aanaa Ilfataatti manneen qotee bultoota Oromoo ammas akkuma gubataa jirutti itti fufee jira

Jun 6, 2022

Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti manneen qotee bultoota Oromoo ammas akkuma gubataa jirutti itti fufee jira.

( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )

Faashistoonni fi Dabballootni PP akka namaatti yaadu hin dandeenye qotee bulaa siyaasa keessa qooda hin qabne mana malee hambisaa jiru.

Faashistoonni teessoo Abiy Ahimed jalatti tiksuun impaayeera dulloomtu suphuuf ergamanii deemanii fi abballootni uummata saamaa akkasumas waan saaman eegsifachuuf dhama’an hammeenya abdii murannaan guutame uummata irratti raawwachuu erga eegalanii bubbulaniiru.

Keessattuu Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti taateen kun daran hammaataadha.

Waxabajjii 5,2022 Aanaa Ilfataa ganda Somboo Cittuutti mana qotee bulaa Oromoo obbo Baqqalaa Abdataa, obbo Abarraa Abdataa, obbo Abdataa Mirkanaa fi abbaa warraa tokko kan maqaan isaa nu hin qaqabne jalaas abiddaan barbadeessan.

Kana malees dubartii tokko kan maqaan ishee Lalisee Dhugumaa jedhamtu qabeenyas jala gubanii uummata bal’aa reebanii miidhaa erga irraan geessisaniin booda gara mana yaalaas akka hin deemnee taasisan.

Manneen namoota jalaa gubate kanneen keessaa qabeenyi tokko osoo hin fuudhamiin abiddaan kan barabadaa’e yoo ta’u maatiin mana qofaa osoo hin taane huccuu fi nyaatallee dhabuun rakkoo hamtuuf saaxilamaniiru.
 
Aanaa Ilfataa keessatti sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo daran jabaata ta’uu irraan kan ka’e waraanni weerartuu PP jiraattoota dararaa hamaaf saxilanii jiru.

Torban darbe kana keessa qofa mana qotee bulaa Oromoo 20tu qabeenya mana keessa cufa waliin abiddaan barbadaa’u maddi keenya Aanaa Ilfataati Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Leave a Reply