Godina Arsii bahaa ona Collee keessatti ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin shakkuun waraanni sirna PP qabanii hidhuu hammeessan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )
Murni faashistii PP Oromiyaa bakkoota garaagaraatti hidhaa hammeessuun lammiileen Oromoo nagaan ba’anii galuu dadhabuun jireenya sodaa keessatti kufanii jiru.
Hidhaa tooftaa ittiin sagalee uummata Oromoo ukkaamsaan kan godhate waraanni murni maafi’aa PP dheengadda Waxaabajjii 4,2022 godina Arsii bahaa ona Collee magaalaa Collee keessaa uummata Oromoo nagaa halkan toora sa’a 9:00 keessa manaa mana irra bobbaafamuun mana itti rukutanii cabsuun qabanii waajjira poolisii onichaatti hidhanii jiru.
Namootni Oromummaan yakkamuun badii tokko malee hidhamanii jiran kun Kaabtamuu Daggaafaa barreessaa seeraa, Saartuu Bakkalchaa haadha maatii, Saaddoo Hasan barsiisaa, Abbaay Sayid barreessaa seeraa, Shuumii Baqqalaa barsiisaa, Warqituu haadha maatii, Musxaafaa Amaan barsiisaa, Uubaad Amaan barsiisaa dha, Huseen Amaanoo keessummaa ona Dodolaa soddummaa kan dhufe fi Ahimed kan jedhamu hojiin isaa barsiisummaa kan ta’ee dha.
Warreen qabamanii badii tokko osoo hin dalagin hidhaman malee kanneen hedduu ta’an hidhaaf barbaadamaa jiraachuu fi naannoo irraa miliquu jiraattoota Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsaniiru.
Waraanni murna badii impaayera Itoophiyaa bifa haaraan waraana afaan Amaaraa dubbatan hedduminaan magaalaa Collee sana keessa gaafuma Sanbataa sana kan qubsiise yoo ta’u, magaalattii keessa durumaan iyyuu olaantummaan finxaaleyyii Amaaraa akkaan mul’ataa waan tureef haala ammaa ilmaan Oromoo quuqama sabaa qaban jedhanio fo’anii hidhaa jiran kanaan uummatni hedduun bor maaltu nu irra ga’a jechuun jireenyaa isaaniif yaaddaa’aa jiraachuu addatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kan himan jiraattoota magaalaa Collee ti.
