• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Harargee lixaa ona Shanan Dhuuggoo fi Daaroo Labuu keessatti qeerroowwan Oromoo humnaan qabanii leenjii waraanaatti ergaa kan jiraanii fi ijoollee sana dheessan qabuu osoo deeman dubartii tokko milishoonni sirna PP rasaasaan mataa rukutan

Jun 6, 2022

Godina Harargee lixaa ona Shanan Dhuuggoo fi Daaroo Labuu keessatti qeerroowwan Oromoo humnaan qabanii leenjii waraanaatti ergaa kan jiraanii fi ijoollee sana dheessan qabuu osoo deeman dubartii tokko milishoonni sirna PP rasaasaan mataa rukutan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )

Mootummaan impaayeera Itoophiyaa dhiiga ilmaan Oromoo lolaasuu fi humnaan qabee dargaggoota Oromoo adda waraanatti erguu lola isaan hin ilaallannettu erguun ajjeesisuu bare godina lixa Harargee ona Shanan magaalaa Goolliyaa araddaa Qabsoo, magaalaa uxxee,magaalaa kookeetii, fi araddaa kofa Kaasaa keessatti Waxaabajjii 3/2022 irra eegaluun qeerroowwan Oromoo dirqiin qabuun raayyaa ittisaa biyya leenjituu jechuun qaba jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniru.

Qeerroowwan dirqiin qabaman kunneenis konkolaataatti fee’amanii magaalaa masalaatti geessanii jiru.

Yeroo amma kanatti qeerroowwan qe’ee jireenya isaanii gad dhiisanii bosonatti kan galanii jiran ta’uu maddeen ibsuun barattootnis barumsa dhaabanii baqachaa jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa qeerroo Ona Shanan Dhuuggoo tokko dubbiseetti barattoonni karaa mana barumsaa dhaqan dhabanii gariin barumsa dhaabuun firoottanii fi iddoo garaagaraatti kan badan yoo ta’uu ana dabalatee qeerroowwan hedduun bosonatti baqannee jirras jedheera.
Itti dabaluunis mootummaan kun gar tokkon nu ajjeessa gar tokkon ammoo dhiiga keenyan biyya kufte nu irratti ijaaruuf waan dhama’uuf yoo nu ajjeessaniis biyya keenya irratti nu haa ajjeessan malee deemne du’aa seena hin qabne hin duunu jechuun, miira aarii fi xiiqiin guutameen ibsateera.

Haaluma wal fakkaatuun godinuma lixa Harargee Aanaa Daaroo Labuu Araddaa Madhisaatti Waxaabajjii 3,2022 milishoonni PP dargaggoota humnaan qabanii gara waraanaatti erguuf yeroo yaalanitti dargaggoonni jalaa dheessan.

Sana booda araddaa Madhisaa keessaa ka’anii hanga Araddaa Naannootti jala kan fiigan yoo ta’u araddaa Naannoo yeroo seenan milishoonni araddaaa Madhisaa uummata Araddaa Naannoo Bareedaa keessatti dubartoota muka jalatti ba’anii sababa caamsaan dheerateen uumaa isaanii kadhachaa turan keessaa dubartii maqaan ishee aadde Furdoosaa jedhamtu rasaasaan mataa dha’anii deeman.

Gocha farrummaa lubbuu ilmaan Oromoo akka qoraan abiddaatti qopheessaa jiran irra darbee uummata nagaa irratti rasaasa dhukaasanii miidhuun kun sirnichi jibbiinsa Oromummaaf qabu guyyuma guyyaan dabalee hojjechaa waan jiruuf uummatni Oromoo tokkummaan qabsoo hidhannoo isaa jabeeffachuu qaba kan jedhan Qeerroowwan Bilisummaa Oromoo godina lixa Harargee ti.

Leave a Reply