Godina Baha Harargee bulchiinsa magaalaa Awwadaay keessatti boombii waraanni murna faashistii PP wal irratti darbataniin miidhaan miseensota isaanii irratti qaqqabuun barame.
( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )
Waxaabajjii 3,2022 galgala toora sa’a tokkoo irratti waraanni murna maafi’aa PP godina baha Harargee bulchinsaa magaalaa Awwadaay araddaa 02 ganda Usumaan jedhamu keessatti boombii naannoo mooraa isaaniitti wal irratti darbataniin miidhaan miseensota isaanii irra ga’ee jira.
Boombii Jimaate darbe magaalaa Awwadaay keessatti waraana sirna PPtiin wal irratti darbatameen miseensotni waraanaa fi milishaan PP hedduun ajjeefamuun gariin madaa’aniiru.
Madoo isaanii hospitaala Haraamaayaatti yaalchisaa kan jiran yoo ta’u kan hospitaalli Haramaayaa dadhabe ammoo gara hospitaala Hiwoot Faanaa Hararitti darbarsaniiru.
Madoo yaalii ol aanaaf geeffaman keessaa tokko hospitaala Haramaayyaatti du’uunis ibsameera.
Boombii wal irratti waraanni tiksitoota aangoo Abiy Ahimed qufanii darbataniin booda dhukaasa jabaan magaalattii keessatti kan geggeeffamee ture yoo ta’u carraa sanatti fayyadamuun qeerroowwan humnaan qabamanii leenjii deemuuf turan harkaa miliqaniiru.
Haa ta’u malee waraanni seera dhabaan PP kun gocha jeequmsa hojjechuun hawaasa erga irriba dhabsiiseen booda kan daandii irratti argan cufa reebaa fi caccabsaa turuu fi hawaasni magaalaa Awwadaay lubbuu isaaniif sodaa guddaa keessa galuu kan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan jiraattoota magaalaa Awwadaayi.
