Godina Lixaa Shaggar ona Cobii keessatti Waraanni murna faashistii impaayeera Itoophiyaa mama lama ajjeessee tokko madeessuun dhaga’ame.
( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )
Murni maafi’aa PP waggoottan arfan darbanii kaasee ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatee daran hojjachaa jiru gochaa badii isaa itti fufuun godina lixa Shaggar ona Cobii ganda Iloo Bakkakkaa keessatti kaleessa gaafa Waxaabajjii 5/2022 namoota nagaa homaa keessayyuu harka hin qabne rasaasaan rukuchuun ajjeesanii kaan ammoo madeessan.
Ilmaan Oromoo ona Cobii ganda Iloo Bakakkaa keessatti ajjeefaman Girmaa Leenjisaa fi Tolasaa Dibaabaa kan jedhaman yoo ta’u jarreen kana mana isaaniitii fuudhuun gaaffii tokko malee ajjeessan.
Obbo Nagaasaa Bolee kan jedhaman ammoo miila isaa rasaasaan rukutanii yaala dhorkachuun rakkachaa jiraachuu fi obboleessa isaa Lagasaa Bolee ammoo reebicha hamaa irraan ga’uun miidhuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Cobii gabaasaniiru.
Namoonni ajjeeffaman kun yakka dalagaan osoo hin qabaatin Oromoo ta’u isaanii qofaaf kan ajjeefaman yoo ta’u hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffa fudhachuu dhorkamuun reeffi isaanii bakkee irraa osoo hin ka’in jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.
Mootummaan faashistii Abiy Ahimed maqaa jijjiiramaatin gara aangootti erga dhufee kaasee ilmaan Oromoo lafa irraa duguugaa kan jiru yoo ta’u ona cobii keessatti irra deddebin namoota ajjeessaa, qe’ee irraa godaansisaa fi manneen gubaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
