• Sat. Oct 3rd, 2026

QBO Yuunivarsiitii Bulee Horaa Fincila Diddaa Gabrummaa Dhoosan

Jun 6, 2022

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Bulee Horaa Fincila Diddaa Gabrummaa Dhoosan

[SQ Waxabajii 06/2022]

Barattoonni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Bulee Horaa guyyaa har’aa jechuunis Waxabajjii 6/2022 ganama irraa eegalanii ajjeechaa suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiruu fi qabeenya Oromoo saamamaa jiruu ilaalchisuun Fincila Diddaa Gabrummaa dhoosaniiru.

Barattoonni kunneen uummataa waraana faashistii muurna PPn gubataa jiru mormuun, akkasumas akeeka Oromiyaa Biyya Walabaa taassisuu deeggaruun mormii isaanii dhoosanii jiraachuu maddeen Sagalee Qeerroo mooraa Yuunivarsiitiichaa argate ifa godheera

Akka waliigalaattis Qeerroowwan moorichaa hoggana Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABO-WBO’n durfamuun malees furmatni hin jiru jechuun sagalee isaanii ol kaasanii dhageessifataniirii.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading