• Sat. Sep 12th, 2026

Magaalaa Bishooftuu keessatti haadha mucaa tokko yoo hidhan Buraayyuu keessatti abbaa qabsaa’aa ajjeechaaf yeroo barbaadanitti jala miliqan

Jun 6, 2022

Waraanni murna maafi’aa PP bulchiinsa magaalaa Bishooftuu keessatti haadha mucaa tokko yoo hidhan Buraayyuu keessatti abbaa qabsaa’aa ajjeechaaf yeroo barbaadanitti jala miliqan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )

Murni faashistii PP uummataa Oromoo dararuu malee sirna isaaf umrii bittaa dheeressuu akka hin dandeenyeetti hubatu ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartiin osoo hin hafin hidhaa jiraachuu fi ilmaan keessantu miseensoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun doorsisanii qe’ee irraa godaansisaa jiru.

Haala kanaanis Waxaabajjii 3,2022 waaree booda toora sa’a 11:30 irratti abbaa mana kee obbo Laggaasaa Guutee jedhamu fidi jechuun daa”ima xiqqaa tokko waliin qabanii kan hidhan yoo ta’u daa’imni ishee biroon ammoo mana duwwaa firaa fi hiriyootni isaanii hin dhaqne keessatti hafee rakkachaa jira.

Waraanni murna maafi’aa PP kun abbaa warraa ishee mana dhaqee erga dhabeen booda tarkaanfii akkasii nama dhimma tokkoof hin shakkamne yookiin waan isaan jedhan waliin hidhata hin qabne dhimma nama biroof qabanii hidhuun heerri impaayeerattii humnaan diigamuufii tiksuu qabna jechuun lubbuu sabaa fi sablammootaa akka qoran ibiddaa itti bobeessaa jiran sanaaf ofii isaaniiyyuu kabaajaa fi sirnaan raawwachisaa akka hin jirre akkasumas durumayyuu cabee jireenyuun wabii lammiilee ta’uu hin danda’u jedhan jiraattootni magaalaa Bishooftuu.

Oduma birootiin ammoo miidhaan sirni PP geggeessuu ittuma fufuun godina addaa naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Dirree jedhamu irraa jiraataa godina lixa Shaggar ona Jibaat kan turee fi doorsisa waraanni sirna PP lafa inni jiraachaa turetti irraan ga’aa turan dhiheessuun qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee ganda Dirree keessatti hojii humnaa hojjetee bulaa ture obbo Kabbabaa Camadaa ajjeesuuf barbaannaan jalaa miliquu maddeen ibsan.

Akka maddeen magaalaa Buraayyuu ibsanitti Waxaabajjii 3,2022 waraanni faashistii Abiy Ahimed maree dhimmoota nageenyaa magaalichaa waliin taasiseen ijoolleen obbo Kabbabaa 3 bosona seenuun miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo ta’aniin waan nu lolaa jiraniif, ijoollee isaa akka galchu; yoo hin galchu ta’e ammoo akka ofii ajjeefamu murteessuun yeroo dirqama kana fudhatanii bobba’uuf ka’annitti odeeffannoo miliqee ba’een obbo Kabbabaan ijoolleen kiyya lafa dhiiraa fi warra mirga abbaa biyyummaa isaanii falmachaa jiran waliin jiru.

Kaayyoo eebbifamaa uummata Oromoo cufaaf waan gaarii fiduu keessatti yoo ijoollee qabaadhee kan biraan itti dabala malee keessaa hin waamu jechuun dhaamsa hiriyoota isaaniitti dhaammachuun jalaa miliquu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading