• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Kombolchaa keessatti kaabinoonnni onichaa maqaa raayyaa ittisaa biyya jedhuun uummata irraa maallaqa saamaa jiraachuun dhaga’ame

Jun 7, 2022

Godina Baha Harargee Aanaa Kombolchaa keessatti kaabinoonnni onichaa maqaa raayyaa ittisaa biyya jedhuun uummata irraa maallaqa saamaa jiraachuun dhaga’ame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )

Torbee darbe irra qabuun godina baha Harargee ona Kombolchaa keessatti kaabinoonni onichaa maqaa raayyaa ittisa biyya jedhuun namoota irra dirqiin mallaqa dhibba lama fi isaa ol kan funaanaa jiran yoo ta’u namoota maallaqa hin qabne raayyaa ittisa biyya leenjitu yookiin ijoollee keessan erguu qabdu kan jedhaniin yoo ta’u manguddoota ammoo reebicha hamaa fi doorsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabasaniru.

Kana malees namoonni mallaqa hin qabne reebichaa fi hidhaa sodaachuun baqatanii jiran ta’uu ibsuun kaleessa Waxaabajjii 6,2022 waraanni sirna PP kun qeerroowwan Oromoo gandoota hedduu keessaa humnaan qabuuf ari’aa turuu dabaluun ibsaniru.

Mootummaan Sirna faashistii PP waraana fi dabballoota isaa uummatatti bobbaasuun karaa tokkoon ajjeessaa karaa biraan ammoo saamaa kan jiru yoo ta’u ilmaan Oromoo baroota dhufaniif beelaa fi rakkoo hamtuuf saaxilamu kan jedhan jiraattoonni, kana hunda of irra hambisuuf, tokkummaan kaanee sirna nama nyaata fi saamaa kanatti Waraana keenya Waraana bilisummaa Oromoo bira dhaabbannee gadaa aangoo isaa gabaabsuu qabna kan jedhan jiraattoota baha Harargee ona kombolchaati.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading