Godina Lixaa fi Qellem Wallagga Onoota hedduu keessatti sakatta’insa WBO jechuun uummata hiraarsuun hammaate.
( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )
Seeroota waraana addunyaa cabsuun uummata nagaa fi meesha waraana of harkaa hin qabne ykn meesha maleeyyii waraana meeshaa hidhatee jirutti bobbaasuun diraamaa hojjechuu kan bare murni abbaa irree impaayera Itoophiyaa hojii farrumma isaa ittuma fufuun Waxabajjii 5 fi 6,2022 godina lixa Wallaggaa fi Qellem Wallagga keessatti uummata dirqiin ulee fi mancaa itti hiruun WBOtti salattaasisuuf bobbaasuu maddeen keenya onoota garaagara gabaasaniiru.
Godina Qellem Wallagga onoota akka Jimmaa Horroo, Gidaamii fi Anfilloo keessatti uummata hojii qonnaatti bobba’ee jiru hunda dirqiin dalagaa isaanii irraa qabuun waraanni fi dabballoonni sirna PP dura bu’ani dhadannoolee gocha waraana Bilisummaa Oroomo hin taane barreessuun uummata sodaachisaa akka dhaadatan gochas oolan.
Kana malees bosona naannoo magaalaa keessaa galaa namni ofiifuu waan manaa nyaatu dhabe dirqiin akka qopheeffatan gochuun hojjettoota mootummaa fi jiraattoota bosonatti dararaa turan.
Haaluma wal fakkaatuun godina Lixa Wallagga onoota akka Boojjii Coqorsaa fi Mana Sibuu keesaattis uummata Oromoo fi waraana uummata Oromoo WBO walitti buusuuf akka waan uummatni fedhii isaaniin walitti qabamanitti miiidiyaa isaanii irratti olola ooluu isaaniitti qaana’uu jiraattootni ibsuun uummatni Oromoo qabsoo Waraana Bilisummaa Oroomo ofitti fudhate jiraachuu fi dhugaa sana qofaan abbaan biyyummaa Oromoo mirkana’a jechuun diraamaa PP tti kolfaniiru.
Gareen Maafiyaa Impaayera Itiyophiyaa Kun Akka saree maraatte bakka hundaa lixanis dhugaa fi Kaayyoo WBO Ummatni Oromoo waan beekuf Afaan Qawween doorsisani Ummata WBOtti bobbaasun Umurii Teessuma Aangoo Abiyyii Ahmad hin dheeressu kan jedhan Qeerroo Bilisummaa Oroomo Godina Lixaa fi Qellem Wallagga ti.
