• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Oromiyaa godina baha Wallaggaa ona Saasiggaa keessatti uummata gabaa dhaqe irratti milishoonni qawwee dhukaasuun tamsaasan

Jun 7, 2022

Lixa Oromiyaa godina baha Wallaggaa ona Saasiggaa keessatti uummata gabaa dhaqe irratti milishoonni qawwee dhukaasuun tamsaasan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )

Murni faashistii PP qaamolee meeshaa hidhatanii sirnicha tumsan jedhee yaade cufatti dandeetti siyaasummaa fi waraanaa malee ijaaruun meeshaa itti kennee dhiittaa mirga namoomaa hawaasa hojjetate bulu irratti raawwachisaa jira.

Haala kanaanis Waxaabajjii 6,2022 godina baha Wallaggaa ona Saasiggaa magaalaa Bareedaa keessatti waraanni weerartuu PP uummata Oromoo baadiyaa magaalaa Bareedaatti naannooftee jirtu irraa gabaa dhaqatan magaalaa keessatti milishoonni sirna PPf ergaman rasaasa irratti dhukaasuun tamsaasanii galchan.

Magaalaa Bareedaa keessatti milishoonni kunneen namoota nagaa reebaa kan turan ta’uu ibsuun gargaaraa konkolaachisaa tokkos badii tokko malee konkolaataa irraa buusuun konkolaataan keessan Waraana Bilisummaa Oromoo fe’a jechuun reebanii miidhaa irraan ga’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Saasiggaa gabaasaniiru.

Murni maafi’aa PP humnaan aangoo siyaasaa isaa irra turuuf milishoota hedduminaan leenjisee hawaasa gidduutti gadhiisuun saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi dararaa hiriyaa hin qabne ittiin hawaasa Oromoo irra geessisaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply