Kaabaa Oromiyaa godina Walloo keessatti humni adda Amaaraa fi Poolisiin Federaalaa wal ta’uun namoota dirqiin Alaabaa mootummaa naannoo Amaaraa fi impaayeera Itoophiyaa itti kennuun reebanii hiriira baasan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )
Guyyaa har’a jechuun Waxaabajjii 7/2022 kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa guddittii godinichaa Kamisee dabalatee aanaalee godinichaa cufa keessatti poolisootni humna addaa Amaaraa fi poolisootni federaalaa baayi’naan godinichatti bobbafamuun maqaa hiriira balaaleeffannaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Juuntaa jedhuun namoota gabaa deemaa jiranii fi jimaa gurguratan karaatti qabuun alaabaa mootummaa naannoo Amaaraa fi alaabaa bilxiginnaa impaayeera Itoophiyaa humnaan itti kennuun qabatanii akka deeman gocha kan oolan ta’u maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniru.
Onota hiriirri balaaleffannaa dirqiin itti geggeeffame keessaa tokko kan taate ona Baatee keessatti namoonni ba’uu didnaan jaarsa, jaartii, guddaa fi xinnaa osoo hin jedhiin mana mana irra deemuun reeba kan gadi baasan ta’uu maddeen dabaluun addeessaniru.
Akka jiraattootni godina Walloo tokko tokko yaada isaanii maddeenif himanitti waraana hedduminaan nutti bobbaasuus, hiriira jedhanii humnaan nu baasanis, barreeffama arrabsoo garaagaraa irratti barreessanii nu baachisaanis, nuti waraana keenya waraana bilisummaa Oromoo ilmaan keenya fi dhiiga keenya akkasumas alagaa jalaa nu baasuuf wareegamaa jiru waan ta’eef har’as borus nuti Waraana keenya waan dandeenyuun daran cimsinee bira dhaabanna kan jedhan.
Mootummaan kun finxaaleeyyii Amaaraa waliin wal ta’uun ji’oottan darban keessa sanyii duguuggaa nu irratti raawwachaa jiru hunda dagatee akka waan uummatni isa deggeree hiriira ba’utti diraamaa hojjechuun faayidaa siyaasaaf oolfachuun qabsoo Oromoo maqaa karaa adda addaa moggaasuun deemuuf yaalanis fudhatama akka hin qabne himaniiru.
