Waraanni murna faashistii PP bulchiinsa magaalaa Mattuu keessatti ilmaan Oromoo kanaan dura hidhaa turan deebisanii hidhan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )
Godina Iluu Abbaa Booraa bulchiinsa magaalaa Mattuu keessatti ilmaan Oromoo kanaan dura Oromummaan yakkamanii hidhamaa turan, ammas badii tokko malee murna maafi’aa PPn qabamanii hidhamanii jiru.
Torbee darbe keessa obbo Masqaloo Badhaasaa hojjetaa waajjira galii godinaa fi itti gaafatamaa waajjira ABO kan ture, barsiisaa Dhaabaa Gammachuu, Asfawuu Laggasee fi namoota kanaan dura shakkiin qabamanii hidhamanii turan cufa deebisanii qabuun buufata poolisii magaalichaatti hidhanii jiru.
Buufata poolisii bulchiinsa magaalaa Mattuu keessatti ilmaan Oromoo magaalaa Gambeellaa keessa hojii dhuunfaa isaanii hojjetatanii bulan qabanii achitti hidhaa turan keessaa torbe darbe tokko ajjeesuun karaa irratti gatuun hawaasni achii fuudhe awwaale.
Bulchiinsa magaalaa Mattuu keessatti ilmaan Oromoo Oromummaan yakkuun qabanii hidhuun dararuunii fi kanneen iddoo biroo irraa ergamtootni sirnichaa qabanii fidan keessatti hidhamuun qorqalbii cabanii, qaamaan miidhamaa fi lubbuu itti dhabaa jiran, iddoo hiraarsaa lammiilee Oromoo taatee akka jirtu ilmaan Oromoo achitti hidhamanii gadhiifaman ni dubbatu.
