Godina Baalee Lixaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa keessatti waraanni sirna maafi’aa PP Maqaa waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa jira jedhuun namoota hidhuu fi reebuu hammeessan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )
Mootummaan impaayeera Itoophiyaa waraanaa fi kaabinoota isaa maqaa uummata tajaajiluutiin hawaasatti gadi bobbaasuun godina Baalee lixaa aanaa Agaarfaa magaalaa Agaarfaa keessatti guyya kaleessaa jechuun waxabajjii 7/2022 kaabinoonnii fi waraanni sirna nama nyaata impaayeera Itoophiyaa namoota nagaa homaa keessa iyyuu harka hin qabne waraana bilisummaa Oromootu isin keessa jira jechuun namoota hedduu hidhuu fi reebicha hamaa irraan ga’aa oolaniru.
Namoonni hidhamanii fi reebichi hamaan irra ga’e keessaa harki caalu manguddoota ta’uu ibsuu daa’immanii fi dubartootni illee keessa argamu.
Akka jiraattoota Magaalaa Agaarfaa tokko tokko Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti nuuf hidhaanis reebichis haaraa miti jechuun gochi waraanni bilxiginnaa nu irratti raawwatuun sodaannee siyaasa isaaf hi jilbeenfannu jedhan.
Itti dabaluunis sirnichi dararaa uummata Oromoo irratti hammeessuun yoo badiinsa isaa saffisiise malee bu’uura irraa sirni dararaa namoota, beektotaa fi lukkeelee dantaa fi taayitaan goyomsee of jala oofuus umrii dheerachuu hin danda’u jechuun yaada isaanii kan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodan jiraattoota ona Agaarfaa ti.
