• Wed. Nov 25th, 2026

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen jabeessuuf taasifame kan Waxaabajjii 10, 2022

Jun 10, 2022

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen jabeessuuf taasifame kan Waxaabajjii 10, 2022.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen tin’isuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haalu kanaan gumachaa gotichaa waranaa bilisumaa Oromootiif sabboontootni ilmaan Oromoo Maadhee Qeerroo fi Qarree Finfinnee jedhu jalatti gurmaa’an marssa 4ffaaf qarshii impaayeera Itoophiyaa 178, 589 ( kuma dhibba tokkoof torbaatamii saddeetiif dhibba shaniif saddeetamii sagal ) walitti qabuun galii godhanii jiru.

Gumaachi isaanitiis mooraa waranaa bilisummaa Oromoo qaqqabee jiraachuu gabaasa Ajajaan Olaanaa ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan Bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply