• Mon. Apr 6th, 2026

Waraanni bilxiginnaa godina lixa Harargee ona Doobbaa keessatti maatiin qeerroowwaniin ijoolleen keessan mana hidhaatii gadhiisna jechuun maallaqa irraa guuranii hidhaa osoo hin baasin rakkisaa jiraachuu jiraattootni himatan.

Jun 10, 2022

Waraanni bilxiginnaa godina lixa Harargee ona Doobbaa keessatti maatiin qeerroowwaniin ijoolleen keessan mana hidhaatii gadhiisna jechuun maallaqa irraa guuranii hidhaa osoo hin baasin rakkisaa jiraachuu jiraattootni himatan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Waraanni murna faashistii PP ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhuun gocha isaan hin qabneen dararuu hammeessan, hidhaa geggeessaa jiran kana akka madda galiitti itti fayyadamaa jiru.

Haala kanaanis baha Oromiyaa godina lixa Harargee ona Doobbaa keessatti Waxaabajjii 6/2022 abbootii qeerroowwan isaanii yakka tokko malee Oromummaan yakkamuun waajjira poolisii onichaatti hidhaman maallaqa kafala ni baasna jechuun akka maallaqa kafalan erga taasisanii hanga ammaa mana hidhaatii odoo hin baasin dararaa jiru.

Abboota ijoollee isaaniif jecha maallaqa seeraan ala waraana bilxiginnaa ona Doobbaaf kafalan keessaa,
Ahimed Naasir 10,000
Jamaal Hasan 30,000
3.Kadiir Adam 20,000 yeroo ta’u kanneen biroo heddeenis keessatti argamu.

Murni afaan qawween impaayeerattii ijaaree akka barbaadetti itti fufsiisuu dadhabe, fuula isaa gara saamicha maallaqaatti bobbaasuun qabeenya saamuu fi maqaa shakkamaa akkasumas yakkamaa bilisaan gadhiisnaan maallaqa danuu gaafachuun lafaa fi qotiyyoon osoo hin hafin gurgursiisaniinii kafalchiisuun maatii baay’ee rakkina jireenyaaf saaxilanii jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading