• Mon. Apr 6th, 2026

Waraannii gabroomfataa impaayeera Itoophiyaa godina Booranaa aanaa Miyooti Qeerroo tokkoo rasaasaan rukutan

Jun 10, 2022

Waraannii gabroomfataa impaayeera Itoophiyaa godina Booranaa aanaa Miyooti Qeerroo tokkoo rasaasaan rukutan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Waxabajjii 8,2022 godina Booranaa aanaa Miyoo ganda Gombisaa keessatti waraanni faashistii PP naasuu tokkoo malee lubbuu ilmaan Oromoo bakka iyyuutti balleessaa deeman har’as qe’ee Oromoo boossisuu jabeessanii jiru.

Gocha badii isaanii kanaan qeerroo Badhaadhaa Boruu jedhamu sababa tokko malee osoo inni horii tikaa galchaa jiruu rasaasaa itti roobsuun rukkutanii biraa deeman kan jedhaan maddeen keenya, waraanni kun qeerroo Badhaadhaa Boruu waan ajjeesan se’anii bakkumatti dhiisanii deeman.
Tiksitootni sirna PP kun ajjeechaaf rasaasaan rukutaniin deeman iyyuu lubbuu isaa waaqni hambisee ummata naannootiin bakkaa kaafamee yeroo ammaa hospitaala Walaayittaa Sooddootti rifeerii erganii jiru.

Hidhaa fi ajjeechaa sukkaneessaan waraana faashistii PPn ona kanaatti deddeebi’ee kan raawwataa jiru yoo tahu armaan duras ajjeechaa golgoleessaa lixa Oromiyaa Dambii Doollootti Qeerroo Amanuel wandimmuun fakkeenya godhachuun ganda Gombisaa kanatti ol adeemaa Oromoo Galgaloo Waaqoo akka Amanu’el Wandimmuutti Fuula hawaasaa fi maatii duratti rasaasaan rukkutanii awwaalas dhorkuun warri haftan irraa baraa jechuun uummata gandichaa gaddisisaa turan.

Ajjeechaa kanaanis dhaadannoo namni akkasitti ajjeefnu baay’eetu hafaa keessan illeen kanuma jechuu doorisisanii kan turan yoo ta’u uummanni naannichaa qabeenyaa fi mana isaa dhiisee abbaa warraa 40 ol buqqa’uun kaaba keeniyaatti baqatanii jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading