• Thu. Nov 26th, 2026

Ilmaan Oromoo godina Arsii bahaa keessa jiran uummata Oromoo jijjiirraa sirnaa malee jijjiirama kabeebsii akka hin feene yaada isaanii addatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Jun 10, 2022

Ilmaan Oromoo godina Arsii bahaa keessa jiran uummata Oromoo jijjiirraa sirnaa malee jijjiirama kabeebsii akka hin feene yaada isaanii addatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kan himan ilmaan Oromoo godina Arsii bahaa onoota garaagaraa, qabsoon uummatni Oromoo geggeessaa jiruu fi wareegamni ilmaan isaa itti baasaa jiran sirna dulloomaa waggoottan hedduun ilmaan Oromoo cunqursite suphuuf osoo hin taane hundeen jijjiiruuf akka ta’e namuu beekuu qaba jechuun ibsatan.

Akka ilmaan Oromoo kanneetti kaayyoon kaleessa uummata Oromoof waadaa galame waan hin guutneef ammaayyuu uummatichi ulee gabrummaan reebamaa jira kan jedhan ilmaan Oromoo kunneen ammas taanaan dhalootni haaraan kun kaayyoo abbootii keenya kaleessaatti cichinee galmaan ga’uu qabna jedhaniiru.

Qabsoon karaa nagaa biyya karaa nagaan dirree diimookiraasii bal’istee hojii irra oolchitu keessatti akkaan filatamaa ta’us impaayeera Itoophiyaa murni bilxiginnaa geggeessaa jiru keessatti garuu karaa nagaa waanti jedhamu akka hin jirre jijjiirama bara 2018tii booda maal akka turee fi filannoo keessaa akkamiin akka dhaabolii siyaasaa baasee qofa itti fayyadame hubachuun ga’aa akka ta’e ibsaniiru.

Sirna akkasitti tapha siyaasaa taphachuun gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu keessatti karaa nagaa jechuun umrii gabroomfataaf bituu waan ta’eef uummatni Oromoo fi dhaabileen siyaasaa Oromoo daran wal tumsuun jijjiiraa buqqaasii ykn hundee fiduuf waliin hojjechuu qaba jechuun, namuu Oromoo bilisoomsuu fi Oromiyaa walabaa ijaaruuf xiyyeeffachuu qaba jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodaniiru.

Leave a Reply