• Tue. Jan 13th, 2026

Murni bilxiginnaa godina addaa naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo fi Laga Daadhii keessatti leenjii basaastummaa kennaa jiraachuun barame

Jun 10, 2022

Murni bilxiginnaa godina addaa naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo fi Laga Daadhii keessatti leenjii basaastummaa kennaa jiraachuun barame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Murni maafi’aa PP bulchiinsi isaa hawaasa biratti fudhatama dhabe, tooftaan wal basaasisee wal miisisuuf adeemsa ittiin wal miidhan irratti leenjii basaastummaa namoota dantaaf bitamaniif kennaa jira.

Leenjii baasastummaa kana kan kennaa jiran godina addaa naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo fi Laga Daadhii keessatti yoo ta’u kaayyoon isaa guddaan sochii sabboontoota Oromoo magaalattii ittiin hordofuu fi ilaalcha faallaa sirna bilxiginnaa horfofanii qabanii hidhuuf akka tolutti karoorfame.

Leenjiin torbee kana eegale kun magaalattii keessatti kan itti fufe yoo ta’u leenjicha adda durummaan waajjirri paartii bilxiginnaa kennaa jiraachuu odeessa maddeen magaalaa Laga Xaafoo fi Laga Daadhii irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading