Qeerroon Bilisummaa Oromoo magaalaa Burraayyuu sabboontootni ilmaan Oromoo akka of eeggatan jechuun ibsa baasan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )
Haala yeroo amma magaalaa Buraayyuu keessa jirun ilmaan Oromoo jiraachuuf yaaddeessaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo magaalaa Burraayyuu hubachuun ilmaan Oromoo magaalaatti murna abdii kutataa kanaan akka hin miidhamneef akka of eeggatan ibsa baasaniiru.
Ibsa isaanii keessattis bilxiginnaaan tika haaraa namoonni hin beeknee 580 ta’an magaalaa Burraayyuu keessa bobbaasuunii fi dargaggoota dirree waraanaa deeman dhabanii ittiin qabachuuf oliif gadi kaachaa waan jiraniif of eeggachuun akka maluu tuqaniiru.
Kana malees kufaatiin sirnichaa waan dhiyaateef magaalattii keessatti hogantoota irra kaasanii hanga sadarkaa garee jedhanitti saamicha guudda gaggeessuu bira darbee maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun uummata dararuu akkasumas namoota nagaa qabamanii hidhaman qarshii 20,000 -50,000 kafalchiisaa jiru.
Keessattuu poolisoota idilee milishootaa fi kaabinootni magaalaa Buraayyuu kana keessa jiran madda galii godhachuu itti fufuun namoota gara lixaa irraa dhufaan addatti xiyyeeffachuun maallaqa namni ofiifuu hin qabne akka kafalan dirqisiisaa jiraachuu qeerroon bilisummaa Oromoo magaalaa Buraayyuu ibsa baasaniin beeksisanii jiru.
