Waraanni bilxiginnaa ajjeechaa raawwachuu hammeesse godina Gujii bahaa ona Gooroo Doolaa keessatti ilmaan Oromoo lama ajjeesan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )
Warraaqsa uummataa Oromoo gatiin lubbuu, lafee fi qabeenya itti ba’e buutuu aangoo siyaasaatti kan ol ba’e koloneel Abiy Ahimed, waraana isaa marartoo tokko ilmaan Oromoof hin qabne itti bobbaasuun ol adeemtoota Oromoo irratti ajjeechaa sukkanneessaa raawwachaa jira.
Haala kanaanis kibba Oromiyaa godina Gujii bahaa ona Gooroo Doolaa keessatti torban lamaan dura ilmaan Oromoo lama badii tokko malee ganda Saraansar keessatti qabanii hidhaa tursiisuuf hawaasatti kan himan waraanni bilxiginnaa qeerroowwan Oromoo kana mooraa waraana keessatti ajjeesanii gatuun reeffi isaanii Waxaabajjii 8,2022 daannoo keessa argamuun hawaasni achii fuudhuun awwaalan.
Qeerroowwan ajjeefaman kunis Oosaamaa Abdullaay, qeerroo ganna 13 fi ilma Daadhii Sayisaa jedhamu umriin isaa 14 ajjeesuun uummata gandichaa gaddisiisaniiru.
Oduu biraatiin ammoo ona Gooroo Doolaa gandoota hunda keessaa namaa 17 leenjii waraanaaf ergaa jechuun uummata ba’aa gala dhorkaa kan jiran yoo ta’u, Waxaabajjii 8/2022 godina gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Jiddoolaa keessattii mucaa umrii 13 kan ta’e Mi’eessaa Adii Jeedalaa kan jedhamu qabuun hidhaatti darbachuun baramee jira.
