• Sun. Mar 15th, 2026

Oolmaa tarkaanfii Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo ,lola bifa haraan WBOn humna waraana adda bilisa baasaa Gambeelaa waliin ta’uun magaalaa Gambeelaa fi adda ofii isaa lixa Oromiyaa keessatti fudhachaa jiruun injifannoo cululuqaa galmeessuun barame

Jun 14, 2022

Oolmaa tarkaanfii Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo ,lola bifa haraan WBOn humna waraana adda bilisa baasaa Gambeelaa waliin ta’uun magaalaa Gambeelaa fi adda ofii isaa lixa Oromiyaa keessatti fudhachaa jiruun injifannoo cululuqaa galmeessuun barame.

( ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )

Xiiqeeffataa fi onneeffataan ilmaan aayyaa goototni Sibiilaa WBOn garbummaa hidda gadi fageeffate uummata Oromoo irraa buqqisuuf tarkaanfii tarsiimoon taaligame waraana weerartuu bilxiginnaa irratti bifa haaraan fudhachuu kan eegalan ganama har’aa Waxabajjii 14,2022 ture.

Tarkaanfii lixa Oromiyaa godina lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii fi Qellem Wallagga magaalaa Dambii Doolloo akkasumas mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti fudhachaa tureen injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Tarkaanfii Waxabajjii 14,2022 ganama barii eegaleen godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu fi Qilxu Kaarraa gidduu gandaa Rigaa Sachii jedhamtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen 35 ajjeesee 15 madeessee jira.

Gama meeshaatiin qawwee 30, konkolaataa 3f lama fi rasaasa bireenii 1000 irraa booji’uun galii taasisanii jiru.

Magaalaa Gimbii keessattis mooraa lama kanneen akka mooraa tolchaa daandii guddaa keessaa ari’anii baasuun qawwee AKM 50 dugda ishee irraa hiikanii jiru.

Waraanni bilxiginnaa magaalaa Gimbii mooraa Caancoo fi hoteela Charuutti walitti qabamtee kan jirtu yoo ta’u waraanni ishee 112 du’anii 76 madaa’uu odeessi maddeen waraanaa keessaa nu qaqqabe ni ifoomsa.

Magaalaa Gimbiin alatti onoota akka Laaloo Assaabii fi Gullisoo keessatti tarkaanfii laalessaa fudhachuun tiksitoota barcuma Abiy Ahimed biyyee nyaachisanii jiru.

Tarkaanfii godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo fi naannoo isheetti fudhatameenis waraana weerartoota bilxiginnaa 50, qawwee AKM hedduu, Bireena 2 fi rasaasa AKM fi PKM hedduu irraa dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Lola humnoota waloo gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi adda bilisa baasaa uummata Gambeelaa waliin ta’uun magaalaa Gambeelaatti fudhataniin weerartuu PP 300 ajjeesuun 150 madeessee jira.

Gama meeshaan Bireena 2, afaan bireenaa 5, rasaasa AKm 5000, hidhannoo hedduu fi boombii harkaa 50 ol irraa hiikuun galii taasisee jira.

Dhaggeeffattootaa fi Daawwattoota keenyaa lolli hanga gabaasni kun qindaa’etti itti fufee waan jiruuf, tarkaanfii fi injifannoowwan argaman jala buunee hordofnee isin qaqqabsiisna.

Bilisummaa dhugaan afaan qawwee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading