Godina Arsii bahaa ona Shirkaa keessatti waraanni sirna PP ilmaan Oromoo hidhaa fi reebichaan dararaa jiru.
( oduu ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )
Murni bilxiginnaa waraana isaa ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessa jiranitti bobbaasuun guyya guyyaan dararaa geggeessaa oolu.
Dararaa fi hiraarfamni ilmaan Oromoo irraa yeroo tokkoof dhaabbatee hin beekne godinaa fi aanaalee kanaan dura hin geenye ga’uun qabiyyee isaa babal’ifachaa jira.
Torbee darbe kana godina Arsii bahas ona Shirkaa keessattis akkuma onoota Oromiyaa birootti uummata Oromoo nagaa irratti waraanni bilxiginnaa hidhaa fi reebicha hammeessan.
Online Shirkaa gandoota 32 fi magaalota 6 kan qabdu yoo ta’u, uummatni aanicha keessa jiraatu Oromummaa qofaan yakkamuun dhiittaa fi kaballaa tiksitoota impaayeerattiin irra ga’aa fi badii tokko malee kanneen hidhamanis danuu dh.
Kana malees ilmaan isaanii dirqiin qabanii leenjiif kan ergaa jiran yoo ta’u maatiin cufa irraa ammaa gargaarsa raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhuuf miidhaan dirqamaan irraa guuru.
Magaalaa aanichaa Gobeessa dabalatee qonnaan bultoota waan isaan hin ilaallanetti dalagaa isaanii irraa dhaabuun waltajjii siyaasaa jechuun maallaqa waltajicha irratti walitti qabuuf guyyoota 15f dararaa akka turan jiraattootni godina Arsii bahaa ona Shirkaa gabaasaniiru.
