Godina Lixa Shaggar Ona cobii magaalaa Cobii keessatti waraanni murna faashistii PP maqaa sakka’ata jedhuun mana namoota caccabsa oolan.
( oduu ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )
Murni bilxiginnaa ajjeecha, saamichaa, hidhaa, reebichaa fi buqqaatin ilmaan Oromoo godinaalee cufa keessatti dararaa jiru Waxabajjii 13/2022 godina lixa Shaggar ona Cobii magaalaa Cobii keessatti maqaa sakkata’a geggeessina jedhuun mana namoota irra deemuun kan sakkata’an turan yoo ta’u mana namoonni keessa hin jirre ammoo caccabsaa turan.
Mana namootni keessa hin jirre beeka cufan waatu keessa jira sababa jedhu itti maxxansuun balbalaa fi meeshaalee mana keessaa erga caccaabsaniin booda maallaqaa fi faayaalee gatii baasan kutaa jiru keessaa fudhachuun saamicha geggeessaa turan
Mootummaa maafi’aa PPtti qabeenyi namoota barbadaa’uun homaa kan itti hin fakkannee fi lubbu namootaan tirgaa taphacha kan jiru yoo ta’u ona Cobiitti ammoo dhiheenya kanaa kaasee dararaa hamaa geggeessaa fi saamicha ifatti labsanii geggeessaa jiraachuu maddeen ona Cobii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
