• Thu. Nov 26th, 2026

Lixa Oromiyaa godina baha Wallaggaa ona Sibuu Siree keessatti milishoonni fi waraanni mootummaa maafi’aa PP wal ta’uun namoota hidhuu fi reebuu

Jun 15, 2022

Lixa Oromiyaa godina baha Wallaggaa ona Sibuu Siree keessatti milishoonni fi waraanni mootummaa maafi’aa PP wal ta’uun namoota hidhuu fi reebuu hammeessan.

( ONM-ABO Waxabajjii 15,2022 )

Gareen maafi’aa bilxiginnaa humnaan ilmaan Oromoo cafaqee aangoo irra turu barbaadu godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo keessatti manguddoo maqaan isaa obbo Habtamuu jedhamu ati dabballee Waraana Bilisummaa Oromoo ti ittin jechuun reebicha hamaa erga irra irraan gaa’aniin booda mana hidhaa aanicha magaalaa Sireetti hidhanii dararaa jiru.

Manguddoon kun nama qotatee ofii fi maatii isaa jiraachisaa ture yoo ta’u nama waa’ee siyaasa hin beeknee fi manguddoo hawaasa ollaa isaa biratti akka jaarsa araaraatti namoota walitti araarsuun beekamuudha jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Kana malees manguddoonni hedduun kaabinootaa fi waraana sirna bilxiginnaan maqaaa garagaraa itti maxxanfamuun hidhamanii dararamaa kan jiran lakkoofsan hedduu kan ta’an yoo ta’uu , bakki itti hidhaan guutee namoonni hedduun alatti laastikni hidhamuufiin Roobaa, aduu, qorraa fi wantoota garaagaraan dararamaa argaa jiru.
Sababa kanaa fi reebichaatiin namoonni hedduun dhukkubsatanii mana yaala dhorkatamuun miidhaa cimaan irra ga’a jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply