• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni bilxiginnaa godina Gujii lixaa ona Qarcaa keessatti ilmaan Oromoo 2 madeessuun tokko ajjeesan

Jun 15, 2022

Waraanni bilxiginnaa godina Gujii lixaa ona Qarcaa keessatti ilmaan Oromoo 2 madeessuun tokko ajjeesan.

( ONM-ABO Waxabajjii 15,2022 )

Murni ajjeechaaf of qindeessee aangoo irra jiru gareen faashitii PP ilmaan Oromoo guyyaadhaa gara guyyaatti badii tokko malee Oromummaan yakkuun ajjeesuun seeraa godhatee waan hojjechaa jiru fakkaata.

Haala kanaanis ajjeechaa fi dararaan guyyaa tokkoof kan irraa hin dhaabbanne godinni Gujii lixaa, ilmaan Oromoof dachee awwaalchaa taatee jirti.

Kaleessa Waxabajjii 14,2022 ganama toora sa’a 3:00 irratti ona Qarcaa ganda Boorodduu keessatti ilmaan Oromoo sadii irratti rasaasa dhukaasuun 1 ajjeesanii 2 madeessanii jiru.

Namni waraanni bilxiginnaa kanaan rukutamuun kaleessa ajjeefame Quxaala Toon’ee Shotee kan jedhamu yoo ta’u kanneen madaa’an ammoo Baallii Guyyee Elemaa fi Nugusee Saafayii Bashaaraa kanneen jedhamanii dha.

Obbo Nugusee Saafayii Elemaa rasaasa afuriin rukutamee du’a ooluun hospitaala Bulee Horaatti yaalamaa jira.

Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee rasaasa qofa itti dhukaasuun ajjeesu, madeessuu akkasumas saamichaa fi hidhaa irratti geggeessaa jiru irratti balaaleffannaa akka qabanii fi sirnichi hundeen buqqa’u malee qe’een Oromoo nagaa hin argatu jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kan himan jiraattoota ona Qarcaa ti.

Leave a Reply