Godina Addaa Naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti konkolaachistoota boba’aa dhabanii dhaabbatan humnaan reebaa turan.
( ONM-ABO Waxabajjii 29,2022 )
Kufaatii diinagdee impaayeerattii keessatti uumameen qaala’iinsa jireenyaa mudateen gabaan meeshaalee dhumataa fi dhaabbataa ittiin bitan dabalaa deemuun sadarkaa fayyadamaan itti bituu hin dandeenye akkasumas naannoo irraa argee bitachuuuf dhabamuu irra ga’ee jira.
Yeroo ammaa impaayeerattiin sababa qaala’iinsaa gatii boba’aa mudatee jiruun konkolaachiftootni boba’aa arganii bitachuu dadhabuun sochii konkolaataa dhaabaa jiru.
Kaleessa Waxabajjii 28,2022 gatii boba’aa impaayeerattii keessatti dabalaa deemeen bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaatti boba’aa dhabuun konkolaachiftoota konkolaataa dhaabanii turan poolisootni idilee, humna addaa Oromiyaa warri ofiin jedhaniif fi milishaan magaalaa Buraayyuu waliin ta’uun konkolaachiftoota kana daandii gubbaatti reebaa turan.
Konkolaachiftootni kunniin bobaa’aan magaalattii keessa waan hin jirreef waan ittiin deemnu hin qabnu yeroo jedhanitti ergamtootni murni bilxiginnaa kun, nuti isa siif hin beeknu socho’aa asii jechuun miidhaa erga irraan ga’aniin booda gabatee konkolaataa irraa hiikanii fuudhanii deemanii jiru.
Hawaasni magaalaa Buraayyuu sababa sochii geejjibaa dhabanii fi qaala’iinsa jireenya isaan mudateen rakkoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuu maddeen keenya gamasii ibsaniiru.
Yeroo itti bobaa’aan dhabamuun uummatni sochii geejjibaa dhabee rakkachaa jiru keessatti baatii Adoolessaa dhufuu kaasee murni bilxiginnaa deggersa yookiin hirpha boba’aa irratti maallaqa mootummaan taasifamaa ture labsiin kaasuuf deemaa akka jiru dubbatamaa jiraachuun gumgummii uumaa jira.
