• Tue. Jan 13th, 2026

Waraanni Sudaan daangaa Itoophiyaa irratti haleellaa geggeessuu Aljeeziraan gabaase

Jun 29, 2022

Waraanni Sudaan daangaa Itoophiyaa irratti haleellaa geggeessuu Aljeeziraan gabaase.

( ONM-ABO Waxabajjii 29,2022 )

Waraanni Sudaan daangaa wal dhabdee Itoophiyaa waliin qaban naannoo Alfaashaagaa irratti lola geggeessaa jiraniin meeshaalee gurguddaa daangaa dheeraa qaxxaamuree deemu daangaa waloon qaban irratti fayyadamaa jiraachuu Aljeeziraan gabaase.

Akka qondaalli waraana Sudaan Reuters’tti himetti Sudaan lola Kibxata waraana lafoo gargaarsa xiyyaaraan geggeessiteen lafa Jabaal Kaala Al-Laaban qabachuu ibsaniiru.

Wiixata darbe murni bilxiginnaa Itoophiyaa komannaa ajjeechaa miseensoota waraanaa Sudaan 7 fi lammiilee nagaa irratti raawwate haaluun gama biraan iji gamnaa sobee boo’a akkuma jedhan ajjeechaa sana waakkachuun hidhattoota naannootti maxxanseera.

Sudaan gama isheetiin garuu ajjeechaa waraana ishee irratti goola naga eegumsaa mootummoota gamtoomaniitti iyyachuun barameera.

Qondaalli naannoo Amaaraa halleellaa Sudaan geggeessaa jirtuu namootni miidhaman hin jiran haa jedhu malee waraanni Sudaan lafa Jabaal Kaala Al-Laaban deebistee qabachuu fi buufata waraanaa achii guutti barbaadeessu jiraattootni naannichaa lama Aljeeziraatti himaniiru.

Dhimma kana irratti dubbi himaan waraana Sudaanis ta’e dubbi himaan murna bilxiginnaa Laggaasee Tulluu deebii tokko iyyuu hin laanne.

Walitti bu’iinsi Al Faashaagaa daangaa biyyoolessaa Sudaan irra kan jiru yoo ta’u lafa kana qonnaan bultootni Amaaraa kurnoota hedduuf kan irra qotataa turan yoo ta’u lola murni bilxiginnaa Tigraay irratti baneen booda afeerra mootummaa Sudaaniif taasifameen daangaa irra qubachuun lafa kiyya jechaa turte Sudaan deebifachuun aarii lafaa fi hidha guddicha laga Abbayaa keessa deebifachaa akka jirtu gabaasa Aljeeziraan Waxabajjii 29,2022 baasee fi taatee walitti bu’iinsa darbe irraa hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading