Yuuniversitii Dirree Dhawaa keessatti sababa filannoo pirezidaantii barattootaa jedhuun ilmaan Oromoo barattoota finxaaleyyii Amaaraa fi bulchiinsa moorichaan doorsisni irra ga’aa jiraachuu himatan.
( ONM-ABO Waxabajjii 29,2022 )
Ilmaan Oromoo sirna bilxiginnaa kana jalatti qe’ee abbaa isaanii irratti, wal ga’a uummataa, ayyaanota garaagaraa fi dhaabbalii barnoota keessatti humnoota finxaaleyyii Amaaraa, waraana bilxiginnaa fi hoggantoota waajjiraalee akkasumas dhaabbilee barnootaan miidhaa fi dararaan irra ga’aa jira.
Yuuniversitii Dirre Dhawaa keessatti gochi Oromoo ta’uuf ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru itti fufuun finxaaleyyiin Amaaraa hoggansa Yuunivarsitichaa da’oo godhachuun mooraa keessatti ilmaan Oromoo dararaa jiru.
Jimaata Waxabajjii 24,2022 maqaa filannoo pirezidaantii barattootaa mooraa yuuniversitii Dirree Dhawaa Yuuniversitii geggeessina jechuun yeroo moorichi qophii xumuratetti barattootni finxaaleyyii Amaaraa kun shira addatti wal mari’atanii hojjetaniin filannicha finxaaleyyoonni kun akka mo’atan taasisan.
Shira kanatti dammaquu barattootni Oromoo moorichaa ba’ii filannichaa diduun yeroo mormii geggeessanitti hoggansi Yuuniversitii Dirree Dhawaa Wiixata kaleessaa Waxabajjii 27,2022 himata dhiheeffadhaa jechuun goolii uumamee tasgabeessuun Wiixatni yeroo ga’ee barattootni hiraara vacuum qophaa’aniitti seeraa fi qornaatni akka kennamu taasisuun barattootni finxaaleyyii Amaaraa akka filannicha akka mo’atan taasisanii jiru.
Rakkoo moorichi filannoo kanaan taasisneen alattis barattootni finxaaleyyii Amaaraa doorsisaa fi halkan halkan barattoota Oromoo rukuchuuf yaalii akka taasisaa jiran barattootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa mooraa yuuniversitii Dirree Dhawaa irraa dubbise tokko tokko dubbachuun ukkamsaa, dararaa fi doorsisaa isaan irra ga’aa jiruun fuula dura kana rakkoon mooricha keessatti uumamuu akka danda’u ibsaniiru.
Mooraa yuuniversitii Dirree Dhawaa keessatti bara barnoota kanaa keessa barataan Oromoo Taarikuu Soorii jedhamu humna waraanaa murna bilxiginnaa fi humnoota finxaaleyyii Amaaraan ajjeefamuun gara maatii isaa Horroo Guduruu Wallaggaa jirutti ergamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
