Hidhaa fi ajjechaan ilmaan Oromoo ifaan itti fufee jira.
(SQ-Adoessa 11, 2022)
Dargaggoo Henook Dajanee nama Sabboonummaa qabuuf addattimmoo Oromummaa isaatiin boonudha kanaa alatti nama hirmaannaa Siyaasaa qabu miti.
Henook dhalataa Finfinnee kan eenyummaa Oromummaa isaatiif bakka addaa kennudha.
Humnooti tika Mootummaa Henookiin badii tokko malee bakka jireenya isaa Finfinnee Naannoo Dhokaa Booraa ( Haya Hulettii 22) jedhamuun beekamuu Adoolessa 10, 2022 butanii ukkaamsuun haga ammaatti bakkinni jiru hin beekamu.
