Oduu Gaddaa!
[SQ-Adooleessa 15/2022DH]
Ajjeechaa hammeenyaa! Godina Wallagga Bahaa ona Sibuu Siree ganda Bakkanniisa Beceruu keessatti, waraanni Obbo Aadam Qana’aa Qumur nama jedhamu, ati shanee waliin hidhata qabda jechuun, erga ajjeesaniin booda maatiin reeffa illee fudhatee akka hin awwaallanne dhorkan.
Itti dabalanii maatiin bakka dhokatee gadda ta’uutti deemanii reebuun akka gadda hin teenye dhorkan.
