• Sat. Mar 14th, 2026

Oromiyaa Walabaa Mirkaneessuuf har’a karaa hundaan Qabsoo gochuun ga’ee Oromoo maraati (Ibsa QBO)

Jul 18, 2022

Oromiyaa Walabaa Mirkaneessuuf har’a karaa hundaan Qabsoo gochuun ga’ee Oromoo maraati.

(Ibsa QBO Adoolessa 18, 2022)

Oromoon erga Gabrummaa jalatti kufee egalee falma addaan kutee hin beeku. Falmaan isaas akkuma jabaataa deemeen Gabroomfataanis gara jabeenyaan gocha dhala namaa irratti hin godhamneef yoomuu Seenaa keessatti hin dagatamne irratti raawwachaa yeroo gara yerootti Oromoo gadadoof siqiqii itti baay’isaa har’a ga’ee jira.

Gadadoo fi Rakkoon Oromoo akka lakkuu ta’u kanneen taasisan keessaa angafni Oromoo fakkaatee Oromoo diinaaf dhimmee dalaguu fi Oromoo gabrummaa jala akka jiruyyuu hin barin jirudha.

Adeemsawwan Qabsoo Sududaan godhamaa turan hundarraayyuu Qabsoon Bilisummaa Oromoo fira horachaa fi Lammii ofii of jalatti haammachaa haga har’aa deemus; dogoggoroota yeroodhaa gara yerootti Siyaasessitoota Oromoon Uumamaniin Injifannoowwan mul’atoon marroo lamaaf harka Oromoorraa ifatti humnoota Gabroomfataa bifa jijjiirrataniin butameera. Oromoon gariin ammayyuu dogoggorri homtuu akka hin jirree fi wanti Oromoon barbaadus akka galma ga’etti kan yaadu hedduudha.

Har’as Oromoon sababa Oromummaa isaatiif guyyaadhaa guyyaatti boo’aa fi jireenya yaaddoo du’aa gadii jiraachaa jira. Haala adda ta’een Waggaa 4 asitti ammoo maqaa “Sirna haaraa lafa qabsiisuu” jedhuun Qe’een Oromoo Gadda hin keessummeessinii fi Dunkaanni gaddaa dura hin dhaabbatin hin jiru. Sirna kana keessatti Abbaan Manaa fi Haati Manaa yeroo tokkotti ajjeefamuu, Obbolaan lamaan ajjeefamuu, Ajjechaan Jumlaa Maatii tokkoo, Namoota nagaa jumlaan fixuu, Abbaa fi Haadha duratti Intala Gudeeduu, Abbaan Manaa Utuu ilaaluu Haadha Manaa gudeeduu, Manni fi Qabeenyi Oromoo Abiddaan Gubamuu, Weerara Lafa Oromoo, Ajjechaa Abbootii Gadaa, Maqaan Oromoo Saboota Ollaa biratti akka diinaatti akka ilaalamu godhamuu, Ilmaan Oromoo Jumlaan Mana Hidhaatti dararamuu, Hidhamaan Oromoo Mana Hidhaa keessaa baafamee Ajjeefamuu… wanti tarreeffamee dhumuu hin dandeenye hedduun qe’ee Oromootti godhamaniiru. Salphinnii fi dararaan Ulfaataan kun kan adeemsifamaa jiru nama Afaan Oromoo dubbatuu fi Eenyummaa Oromoo himatuuni.

Oromoon Sirna Gabaa fi Oomisha garaagaraa keessaas erga baafamee bubbuleera. Qotee Bulaan Oromoo Oomisha waggaa guutuu Oomishu sababa Gibiraaf al tokkotti manasaa onsee sanaanuu ofirraa baasuu dadhabaa jira. Gaariin ammo Qotachuurraa daangeffamee beela hamaaf saaxilamaa jira.

Rakkoon kun hundumtuu fala argachuu kan danda’u; Walabummaa Oromiyaatiini. Walabummaan Oromiyaa ammoo Qabsoo hadhooftuu har’a ilmaan Oromoo kumaatamni itti hiriiranii dhiigaa fi lafee ofii aarsaa itti godhaa jiraniin dhugooma.

Jabaachuu fi Roga tokkoon imaluun Qabsoo Bilisummaa Oromoo kun ammo Diinota fira fakkaatanii fi Diinota innikkaa hedduu garaa nyaatee jira. Hedduun boqonnaa dhabee carraa yeroo dhumaatiif fayyadamuu qabu, humnaa fi holola wal faana hiriisee Mooraa Qabsoo Oromoo laamshessuuf hojjetaa jira.

Kun ammo nutti agarsiisuu kan qabu Qabsoon Bilisummaa Oromoo Aarsaa fi Wareegama ulfaataa hagamii gaafatus manii isaatti dhihaachuu fi xumurarra ga’uu isaati. Salphaatti haala kana hin dhaqqabne. Sichis salphaatti hin xumuramu. Daran jabaachuun fardii akka ta’e nu akeeka. Kan deemnerra kan nu hafe garuu daran akka muraasa ta’e hubachuun gaariidha.

Kanaafiyyuu Diinonni keenya Oromiyaa Golee garaa garaatti Humnoota alagaa Godaannisa gurguddaan nu biratti yaadataman Oromiorratti bobbaasuun Oromiyaan kan ammaarrayyuu caccabdee seenaa akka taatuuf halkanii guyyaa dalagaa jiru.

Kanaaf ammo ragaan jiru Humnoota Nafxanyaa; Milishaa, Humna Addaa Amaaraa, Faannoo dabalatee Humnoota Naannolee biro Oromiyaa Lixaa ( Qellem Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa ) Giddu Gala Oromiyaa ( Shawaa Kaabaa, Shawa Bahaa, fi Shawaa Kibba Lixaa ) keessatti bobbaasuun Ilmi Oromoo akka ajjeefamu, Qe’ee fi Qabeenyi Oromoo akka mancaafamu gochuun Mootummaa PP agarsiistuu guddaadha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kanarratti kan dhaamu:-

Akkuma Qabsoon Bilisummaa Oromoo Manii isaatti dhihaachaa deemu; diinonni keenya wal gurmeessanii ijibbatatti waan jiraniif kan duraaniirra humna hojii keenya daballee diina baaragee waan qabee gadi-dhiisu wallaalaa jirutti xumura haa tolchinu jenna.

Sanaaf ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti diina afoo dhaabbatee falmatti jiru cina dhaabbachuun waan dandeenyu mara goonee Qabsoo kanaaf haa gumaachinu jenna.

Uummati Oromoo keessaaf alaas dhimmoota Qabsoo Oromoo amma deemaa jiru kana bilchinaan qabuun Qaamni kamillee Qabsoo kana butee akka wareegama ilmaansaatiin hin taphane cichee eeggachuu qaba. Kanarratti dirqama Abbaa Qabsochaa ta’uus mirkaneessuu qaba jenna.

Ilmaan Oromoo Mooraa Diinaa keessa dhaabbattanii diinaaf hojjetaa, Uuumata irraa dhalattan, Ajjeessaa, Mana irratti gubaa, Gudeedaa, Mana Hidhaatii baastanii ajjeesaa, gidiraa dhala namaaf hin malle Oromoon akka dhandhamu godhaa jirtaniif dhaamsi nuti dhaamnu:- Akkuma fedhes yoo ta’e Bilisummaan Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa dhihoodha. Garuu isin akka nama tokkootti Uummata irraa dhalattanii Gidiraa agarsiisaa jirtan kana afuura fudhachiisaa. Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalamaatii Gahee Oromoo tokkorraa eegamu yeroo dhumaatiif bahaa isiniin jenna. Ilmaan Oromoo Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisa Humna Addaa, Milishaa fi Tika taatanii lammii keessan darartan carraa dhumaa kanaan dhaabattanii akka of ilaaltaniif Dhiiga Oromoo dhangalaasuurraa akka of qusattan, Gaafatama Seenaa borii jalaa ofiif dhala keessan baraartan gadi jabeessinee dhaamna.

Maayii irratti Oromoon Walloo fi Matakkal Oromoo Oromiyaa keessa jirurraa addatti qoodamee gidiraa lakkuu argaa jira. Oromummaa isaatiif akkuma lammii Oromiyaa keessa jiruutti gatii hadhooftuu baasaa jiruun addatti; Eenyummaa fi lafa koo siif kennee ofii hin badu jechuunis Drararaa Oromoon Oromiyaa keessa jiru argu gararraatti argaa jira.

Kanas Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uumata Walloo fi Matakkaliin Jabaadhaa yeroo Xumuraatiif Falmannee Gabroomfataa fonqolchinee Hireen Oromoo bakka tokkotti deebi’ee yeroon ijaan arginu fagoo miti jenna. Uummati Oromoo Biyya keessaa fi Alaa waliin ta’ee daggarsa barbaachisaa ta’e roga maraan Uummata keenya Walloo fi Matakkal keessatti Oromummaa isaatiif aarsaa baasaa jiruuf akka taasisu waamicha Oromummaa goona.

Godina Baalee Bahaa Aanaa Gurraa Dhaamolee keessattis Mootummaan Abbaa Irree Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaa Somaalee fi Milishaa Somaalee itti bobbaasuun Uuummata keenya Beelaaf Hongeen dararamaa jiru, manaaf qabeenyasaarraa akka buqqa’u taasisaa jira. Kanas Uummanni Oromoo haalaan quba qabaachuu qaba. Lola Humni Addaa Somaalee irratti hirmaatee Uummata keenya fixaa jirus Hooggansi Mootummaa Abbaa Irree bakkichaa akka Uummati fedhii isaatiin buqqa’aa jirutti ibsuuf yeroo yaalan mul’ata. Haqi jiru garuu lola itti banameen buqqifamaa kan jiran ta’uudha.

Dhaamsi dhumaa:-

Oromoon olola kamiinuu osoo hin burjaaja’in dammaqee tokkummaa isaa eeggatee, Qabsoo ABO-WBOn godhamaa jiru tumsee; Gabrummaa kana akka seenaa taasiisu dhaamaa , Diina manatti nu ajjeesu teenyee ilaaluu caalaa falli qabnu WBO waliin taanee falmannee akka irra aannu yaadachiisna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Adoolessa 18, 2022

Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading