• Mon. Mar 16th, 2026

Hidhaaf dararaan, Ajjechaan Jumlaa fi Manneen Jiraattotaa gubachuun Oromiyaa keessatti haala adda ta’een itti fufee jira

Jul 22, 2022

Hidhaaf dararaan, Ajjechaan Jumlaa fi Manneen Jiraattotaa gubachuun Oromiyaa keessatti haala adda ta’een itti fufee jira.

(SQ-Adoolessa 22, 2022)

Oromiyaa Godinaalee garaagaraa keessatti Humnootiin Shiftaa Mootummaa Abiyyiin bobbaafaman Namoota nagaa ajjeesuu, Hidhuu fi Mana jiraattotaa gubuun Uummata dararaa akka jiran SQ irra deeddeebiin Oromiyaa guutuurraa gabaasa dhiheessuun mirkaneessaa jira.
Oromiyaa keessatti Waraanni Ija Addunyaa jalaa dhokfame Uummata Oromoo meesha maleeyyii irratti kan labsame yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuu namni hundi kan gurraa qabuudha.

Haluma kanaan Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaatti guyyoota muraasa darban Maanguddoo biyyaa Mana hidhaatii baasanii erga ajjeesanii booda; daa’imman utuu hin hafin maatiin Maanguddoo ajjeefamanii Mana Hidhaatti guuramaa jiraachuu SQ odeeffateera.

Guyyaa muraasa dura Maanguddoon Baatii Odee jedhaman Qajeelcha Poolisii Aanaa Shaallaa Bulchiinsa Magaalaa Aajjeetti hidhamanii kan turan…

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading